AFAAN OROMOO

Falaasama qulqullaa’aa!

By Admin

August 03, 2018

Falaasama qulqullaa’aa!

Hiikaa Margaa Siyaasni falaasama mataa isaa danda’e kan baay’ee wal-xaxaa ta’e qabaachuu isaa ifaa dha. Waa’ee Siyaasaa eenyullee gadi fageenyaan maal akka ta’e beekuuf kaayyoon siyaasa biyya tokkoo ykn kaayyoo Paartii biyya geggeessu tokkoo beekuun baay’ee rakkisaa dha. Dhugaa dubbaachuuf taanaan siyaasni ni xiinxalama malee, dhugaan isaa maal akka ta’e tilmaama irraa kan hafe beekuunis salphaatti hin danda’amu. Siyaasa jechuun tarii isayyuu yoo danda’ameef kaayyoo siyaasa geggeessaa jiru Sanaa kan beekuu danda’u qaama waan sana abbummaan geggeessu ta’a jennee shakkuu malla. Sanuummoo gaaf gaaf namnumti siyaasa sana abbummaan geggeessuyyuu maal akka hojjechaa jiru yeroo inni itti wallaalu jiraachuu mala. Falaasamni siyaasa keessa jiru guyyaa guyyaan akkaataa yerootiin waan jijjiiramuuf jedheen shakka. Biyyuma keenya kana keessattiyyuu yeroo baay’ee gara siyaasni biyya kanaa itti deemu ni shakkina malee qabatamaatti wanti nuti beeknu hin turre. Falaasamni nuti siyaasa keenya keessatti itti fayyadamnu qulqullaa’aa fi seera uumamaaa irraa faallaa waan ta’eef garumti itti qabnee dubbannuyyuu nu rakkisaa ture.

Sababnisaa, Falaasamni siyaasaa biyyi keenya Itiyoophiyaa yeroo baay’eef hordofaa turte wal- xaxaa ta’uu isaarra darbeeyyuu fedhii lammilee biyya kanaa giddu galeessa kan godhatee

hojjetu osoo hin ta’in fedhii saamtota jireenya mataa ofii isaanii qofa jijjiiruuf tattaafanii qofa guutuuf kan ijaaramee hojii irra oolaa ture waan ta’eef rakkoowwan garaa garaaf nu saaxilaa ture jechuu afaan guutee dubbachuu nan danda’a. Egaa kanneen an hanga yoonaatti armaan olitti ibsuuf yaale, akka itti seensaaf jecha yoo ta’u, dhimmi ijoon an irratti xiyyeeffachuu barbaadu, Falaasama Siyaasaa erga gareen kabajamoo Dr.Lammaa Magarsaafaa biyya kana geggeessuu jalqabanii hordofaa jirru gabaabinaan barreessuu barbaadeen dha. Maaliif Garee Dr.Lammaa (Team Lammaa) jette yoo naan jettan ammoo, gidduu kana akkuma haasaa kabajamoo MM keenya Dr. Abiy irraa hubachuu dandeenyetti, “team Lammaa” inni jedhamu kun geggeessitoota yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti hojii guddaa hojjechaa jiraniif fakkeenya gaarii kan ta’uu danda’uuf mootora jijjiirama yeroo ammaa kana biyya keenya keessatti argamaa jiruu waan ta’eef jedheen dha malee qabsoo jaalleewwan keenya kanneen biro irraanfachuuf miti. Egaa gara dubbii ijoo kootiitti yeroon deebi’u, falaasamni siyaasa geggeessitoota “team Lammaa” kanaa hunduma keenyaafuu ifa natti fakkaata. Innis akkuman an armaan olitti ibsuuf yaale, falaasama siyaasaa hin beekamnee fi faayidaa siyaasaa qofa argachuuf jecha biyya burjaajessuu osoo hin taane, Falaasama qulqulluu, waa’ee tokkummaa, jaalalaa, nageenyaa fi fayyadamummaa uummataa irratti xiyyeffatee dha. Falaasamni siyaasaa yeroo dhiyoo as biyya keenya keessatti adeemsifamaajiru , samii Itiyoophiyaa jalatti tokkummaa fi jaalala mirkaneessuu irra darbee, haala nama ajaa’ibuun samii diyaaspooraa jalallee faaruun jaalalaa fi tokkummaa akka faarfamu gochaa jira Falaasamni armaan olii kunneen kan yeroo ammaa biyya kana keessatti raawwachaa jiran, bifa kamiinuu adeemsa siyaasaa dhala namaa biratti fudhatama qaban waan ta’eef jechan falaasama qulqulluu jedhee moggaase. Waa’ee nageenyaa, tokkummaa, waa’ee ida’amuu yeroo dubbannu faayidaa siyaasaa qofaaf oolfachuuf ykn turtii geggeessummaa ofii dheereffachuuf waan goonu osoo hin taane, gocha dhalli namaa biyya lafaa kanarratti godhu keessaa kanneen akka bu’uuratti ilaalamanii dha. Lallabni jaalalaa ji’oottan sadeen darban keessa biyya kana keessatti lallabamaa ture, lallaba Siyaasa wal-xaxaa ta’ee kan waggoottan dheeraaf biyya kana keessatti lallabamaa turee wajjin

yeroo madaallu garaagarummaa isaa ji’oottan muraasa kana keessatti argineerra. Jaalalli mo’aa akka ta’es asumaan nu barsiise. Biyya keenya keessattis tokkummaa fi jaalala buuse. Kanumaan wal-qabsiisee wanti an kaasuu barbaadu keessaa tokko, dhimma daawwannaa jiila MMI Dr.Abiy n durfamu biyya Amerikaa, Naannoowwan (States) gara garaatti taasisanii fi bu’uuwwan argamaa jiran irratti gabaabinaan waan natti dhaga’ame jechuun barbaada. Akkuma beekamu biyya USA kana lammileen Itiyoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman sababa gara garaatiin kan deemanii fi jiraatanii dha. Garuu lammileen achi USA jiraatan kunneen maqaadhaan lammii Itiyoophiyaa jedhamu malee Kanaan dura Mootummaa Itiyoophiyaa wajjin siyaasaan walii galanii wajjin dhaabbachuun hin turre. Sanumaayyuu yeroo mara mootummaa mormu malee isaanii deggeruu arginee hin beeknu. Garuummoo inni baranaa waan raajii ti haala jechuun danda’amuun, diyaaspooraan biyya Amerikaa Isteetiiwwan gara garaa bakkeewwan marii biyya sana keessatti filatamanitti yaa’uun jiila geggeessitoota MMI Dr.Abiy n durfamu galateeffachaa, rakkoowwan furamuu qaban hundaas dhoksaa tokko malee irratti mari’achaa kan jiranii dha. Isteetiiwwan kanneen akka Washington DC, Los Angeles fi Miniissotaan bakkeewwan jiilli geggeessitoota biyya keenyaa daawwatan yommuu ta’u, seeenaan takkaa dalagamee hin beekne hedduun kan irratti ta’e jechuu ni dandeenya. Bakkeewwan biyya ormaa kana keessatti lammilee biyya kanaa Kanaan dura sababa ilaalcha siyaasa isaaniitiin hagas mara walitti dhufeenya hin qabnee fi haala bittinnaa’een qabsoo isaanii geggeessaa turantu walitti ida’amee haala amma biyya keenya keessa jiru kana galateeffachuuf wal-waamee dhufe. Tokkummaatu cime. Kanarraan kan ka’e Isteetiiwwan sadan an armaan olitti caqase keessatti, wanti Kanaan dura ta’ee hin beekne akka ta’u ta’e innis Magaalaa Guddoo America kan taate Washington DC keessatti Adoolessi 28 Guyyaa Itiyoophiyaa akka ta’u kantiibaan Washington fi akkasumas kan Los Angeles labsuun isaanii waan ajaa’ibaati jechuu ni dandeenya. Inni kan birran ammoo aktivistootni bebbeekamoon Kanaan dura akka diinaatti ilaalaman kanneen akka Jawwaar Mohaammad fi Taammaany Bayyanaa ifaa fi ifatti Mootummaa kana cina dhaabbannee jijjiirama amma dhufaa jiru kana itti fufsiifna jechuun isaanii waan raajiitii fi hammam kaayyoon amma qabatamee jiru kun kaayyoo dhugaa fi qulqulluu akka ta’e nu barsiisee jira. Kanarraa kan hubachuu dandeenyu, Uummatni biyyasaa keessattii fi dhimma isaa irratti tokkommaa qabu biyya biraa keessattillee kabajaa guddaa qabaachuu akka danda’uu fi dhageettiin isaallee akka dabalu ija keenyaan argineerra. Egaa kun hunduu ta’uu kan danda’eef callisee ykn lallaba faayidaa siyaasa biyya lafaa kanaaf oolu qofaa lallabuu irraan kan ka’e osoo hin taane, ilaalcha siyaasaa jijjiirama qabatamaa fiduu danda’u qabatanii socho’uu irraan kan ka’e waan dhufee dha. Walumaa galatti bakka jaalallii fi tokkummaan jiru waan hundumtuu akka jiru salpahaatti barachaa waan jirru natti fakkaata. Falaasamni qulqulluun Mootummaan yeroo ammaa qabatee jiru “keenyan jibbiinsaa diiguun riqicha jaalalaa haa ijaarru” inni jedhu kun waan fageenya dheeraa waliin nu adeemsisu fakkaata. Xumura irratti haalli nuti amma itti adeemaa jirru Kanaan Kanaan duraa wajjjin yeroo madaallu garaa garummaa guddaa waan qabuuf, nutis bakkuma jirrutti tokkummaa fi jaalala labsuu kan dandeenyu yoo ta’e, fedhiin keenya hundinuu salphaatti nuuf guutamuu akka danda’u shakkii tokko hin qabu.