Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Jaalalaan ida’amuu fi dhiifamaan ce’uu

0 1,250

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Jaalalaan ida’amuu fi dhiifamaan ce’uu

Hiikaa Margaa
Biyya keenya Itiyoophiyaa kana keessa waggoottan dheeraadhaaf dimokiraasiin sirriitti
hojiirra oolee dhala namaaf akkaataa barbaachisutti tajaajila kennaan waan hin turreef
qabsoon diddaa gabrummaa yeroowwan gara garaatti adeemsifamaa ture.
Adeemsa qabsoo diddaa gabrummaa fi kabaja dhala namaa kana keessattis
taateewwan gara garaa ta’aa kan turaniif qabsoowwan yeroo gara garaaa fi
injifannoowwan isaanii seenaa ta’anii gara dhaloota itti aanuutti darbaa as ga’anii jiru.
Seenaawwan barataman kanneen keessattimmoo waa’een injifachuu fi injifatamuu waan
keessa jiruuf isa injifateef akka ol’aantummaatti, isa injifatamaa as ga’eef ammoo akka
gad-aantummaatti ilaalamaa waan as ga’eef seenaawwan darban hundinuu cancala
(chain) uumuudhaan jireenya keenya har’aa irratti dhiibbaa qaqqabsiisuun isaanii waan

hin oollee dha. Sababnisaa gareen kaleessa seenaa keessatti mo’atamee ture, har’a ol-
aantummaa isaa agarsiisuuf tattaafachuun isaaa waan hin oolleef ykn ammoo

haaloo(revenge) kaleessa itti miidhamaa ture baafachuuf har’a kan yaadu yoo ta’e, biyya
lafaa kanarratti yoomillee taanaan nagaan ni bu’a jedhanii yaaduun hin danda’amu.
Fakkeenyaaf mootummooleen Kanaan dura biyya kana geggeessaa turan, sabaan
gaaraa gara ta’uu malu. Inni tokko sabni inni keessaa dhufe Amaara ykn Tigiree yoo
ta’e, ija ittiin mootii biyya kana geggeessaa ture ilaalluun saba inni keessaa dhufe waan
ilaalluuf badii inni geessiseef saba isaa irratti haaloo ba’uuf wanti yaadamus ni jira
jechuu dha. Kunis kan ta’uu danda’eef geggeessaa fi uummata gar-gar baasanii ilaaluu
dadhabuu irraan kan ka’ee dha.
Sababa kanaarraan kan ka’e akka biyyaatti waan baay’ee argachuu osoo qabnuu
dhabneerra. Yeroo dubbannu biyyi keenya diinaan hin koloneeffatamne jennee
dubbanna malee hanga warri koloneeffataman guddatan osoo hin guddatin biyyoota
guddatan booda buunee deemaa jirra.
An akka yaada kootiitti wantan yaadu keessaa tokko, tarii kanneen ormaan
koloneeffatamanii turan sun, erga bilisummaa isaanii argatanii kan kaleessaa
irraanfatanii gara fuula duraa qofa waan yaadaniif kan guddachuu danda’an yommuu
ta’u, kankeenyammoo waa’ee mootilee Kanaan dura dhiibbaa mirga namoomaa nurraan
ga’aa turanii isa kaleessaa yaadaa waan deemnuuf fuul-duratti siquu dadhabnee laata
waan jedhutu sammuu koo keessa deddeebi’a. dhugumattiyyuummoo wanti kun sirrii
ta’uu malas.
Sababnisaa dhalli namaa waa’ee isa kaleessa darbee yaada taanaan, karoora gara
fuula duraa baafachuun itti ulfaachuu danda’a. Namni karoora egeree hin qabne ammoo

bakka hiriyaan isaa ga’e ga’uu hin danda’u. kunimmoo yeroo ammaa wajjin kan wal-
simatu waan hin taaneef ammallee rakkoo biraa nutti fidee dhufuu danda’a,

Egaa haalli qabatamaan biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu,
yaadolee an armaan olitti kaasuuf yaalee wajjin kan wal-faallessuu dha.
Yeroo ammaa kana biyyi keenya kun geggeessitoota waan kaleessa darbeef odiitii
hojjechuun boo’anii nu boossisaniin kan geggeeffamaa jirtu osoo hin taane,
geggeessitoota mul’ata borii qofa qabaniif abdii egeree keenyaa as taa’anii nutti mul’isaa
jiraniin waan geggeeffamaa jirruuf nutis isaanii wajjin deemuutu nurra jiraata.
Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale sababawwan gara garaan dhiibbaawwaan akka
dhala namaatti nurra ga’uun irra hin turre nurra ga’uu malu ta’a, qaamni keenyallee
miidhameera ta’a, dhala keenya, obbolaa keenyaa fi haadha keenyallee dhabneerra
ta’a-taateen kun garuu kan kaleessaati malee kan har’aa ykn kan boruu miti. Bor guyyaa
biraa dha.

Kanaaf yeroo ammaa kanatti kan nurraa barbaachisu, dhiibbaawwan kaleessa sababa
adda addaatiin nurra ga’aa turan, yaadannee nutis kan kaleessa jibbaa turre sana bifa
haalootiin kan namarratti raawwannu yoo ta’e, bor gaafa darabeen ga’u ammas rakkoo
biraaf saaxilamuun keenya waan hin hafneef ilaalcha haaraa qabaachuun barbaachisaa
dha.
Fakkenyaaf muudamuu Muummocha Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy asitti siyaasni
biyya kanaa haaloo ba’uu irraa gara hammachuu, jaalachuu, kabajuutti ce’ee jira.
Kunimmoo hagam biyya kana akka tokkummeesses argaa jirra.
Biyyi tokko akka biyyaatti wal-faana guddachuuf lammileen achi keessa jiraatan
tokkummaa qabaachuutu irra jiraata. Tokkummaan jiraannaan ammoo biyyoota akka
Itiyoophiyaa qabeenya uumamaan badhaate kana guddisuun salphaadha. Biyyi
guddattee jennaan ammoo nagaatu jiraata.
Kanumarraa ka’uun bara haaraa nu fuuldura jira kana kabajuuf, dhaadannoo Jaalalaan
haa ida’amnu, dhiifamaanis haa ceenu jedhuun itti adeemaa jirra.
Dhugaa dubbachuuf dhaadannoon kun waan salphaa miti. Kanaan dura
dhaadhannoowwan nuti dhaga’aa turre, waa’ee jaalalaa osoo hin taane, waa’ee dantaa
biyya lafaa kanarraa qofa guuttachuuf nu kakaasan qofa ture.
Waa’een jaalalaa, tokkummaa fi dhiifamaa garuu dantaa siyaasaa garas. Waa’ee
jaalalaa fi tokkummaa lallabuun amala namummaa ti. Ofittummaan, jibbi, haaloo ba’uun
kan keessa hin jirre waan ta’eef ilaalcha qulqulluu dha.
Kanaan dura muuxannoon biyya jaalalaan ijaaruu waan hin turreef, biyya ijaaruu
caalmaa diiguu isheetu saffisaa ture. Biyyi tokko yoomillee taanaan humna
qawween ykn qarshiin kan ijaaramtu osoo hin taane, jaalaa fi dhiifamaan kan
ijaaramtuu dha.
Kanas kan dhugoomsu, hojii erga MMI Dr.Abiy muudamanii argaa jirru hundumtuu
jaalalli, tokkummaa fi dhiifamni hagam humna biyya ijaaruu akka qabuu dha.
Walumaagalatti, badiiwwan kaleessa nutis, ta’e namni biraan nurratti dalage
irraanfannee, waa’ee isa nu fuulduraa yaaduun waan filannoof dhiyaatu miti. Eenyullee
taanaan haaloo kaleessa miidhaan irra ga’aa ture ba’uu kan tattaafatu osoo hin taane,
garaa dhiifamaa qabaachuun, jaalalaan waliin wajjin tokko ta’uun biyya kana jijjiiruuf
hojjechuun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy