AFAAN OROMOO

Jaalalaan ida’amuu fi dhiifamaan ce’uu

By Admin

August 29, 2018

Jaalalaan ida’amuu fi dhiifamaan ce’uu

Hiikaa Margaa Biyya keenya Itiyoophiyaa kana keessa waggoottan dheeraadhaaf dimokiraasiin sirriitti hojiirra oolee dhala namaaf akkaataa barbaachisutti tajaajila kennaan waan hin turreef qabsoon diddaa gabrummaa yeroowwan gara garaatti adeemsifamaa ture. Adeemsa qabsoo diddaa gabrummaa fi kabaja dhala namaa kana keessattis taateewwan gara garaa ta’aa kan turaniif qabsoowwan yeroo gara garaaa fi injifannoowwan isaanii seenaa ta’anii gara dhaloota itti aanuutti darbaa as ga’anii jiru. Seenaawwan barataman kanneen keessattimmoo waa’een injifachuu fi injifatamuu waan keessa jiruuf isa injifateef akka ol’aantummaatti, isa injifatamaa as ga’eef ammoo akka gad-aantummaatti ilaalamaa waan as ga’eef seenaawwan darban hundinuu cancala (chain) uumuudhaan jireenya keenya har’aa irratti dhiibbaa qaqqabsiisuun isaanii waan

hin oollee dha. Sababnisaa gareen kaleessa seenaa keessatti mo’atamee ture, har’a ol- aantummaa isaa agarsiisuuf tattaafachuun isaaa waan hin oolleef ykn ammoo

haaloo(revenge) kaleessa itti miidhamaa ture baafachuuf har’a kan yaadu yoo ta’e, biyya lafaa kanarratti yoomillee taanaan nagaan ni bu’a jedhanii yaaduun hin danda’amu. Fakkeenyaaf mootummooleen Kanaan dura biyya kana geggeessaa turan, sabaan gaaraa gara ta’uu malu. Inni tokko sabni inni keessaa dhufe Amaara ykn Tigiree yoo ta’e, ija ittiin mootii biyya kana geggeessaa ture ilaalluun saba inni keessaa dhufe waan ilaalluuf badii inni geessiseef saba isaa irratti haaloo ba’uuf wanti yaadamus ni jira jechuu dha. Kunis kan ta’uu danda’eef geggeessaa fi uummata gar-gar baasanii ilaaluu dadhabuu irraan kan ka’ee dha. Sababa kanaarraan kan ka’e akka biyyaatti waan baay’ee argachuu osoo qabnuu dhabneerra. Yeroo dubbannu biyyi keenya diinaan hin koloneeffatamne jennee dubbanna malee hanga warri koloneeffataman guddatan osoo hin guddatin biyyoota guddatan booda buunee deemaa jirra. An akka yaada kootiitti wantan yaadu keessaa tokko, tarii kanneen ormaan koloneeffatamanii turan sun, erga bilisummaa isaanii argatanii kan kaleessaa irraanfatanii gara fuula duraa qofa waan yaadaniif kan guddachuu danda’an yommuu ta’u, kankeenyammoo waa’ee mootilee Kanaan dura dhiibbaa mirga namoomaa nurraan ga’aa turanii isa kaleessaa yaadaa waan deemnuuf fuul-duratti siquu dadhabnee laata waan jedhutu sammuu koo keessa deddeebi’a. dhugumattiyyuummoo wanti kun sirrii ta’uu malas. Sababnisaa dhalli namaa waa’ee isa kaleessa darbee yaada taanaan, karoora gara fuula duraa baafachuun itti ulfaachuu danda’a. Namni karoora egeree hin qabne ammoo

bakka hiriyaan isaa ga’e ga’uu hin danda’u. kunimmoo yeroo ammaa wajjin kan wal- simatu waan hin taaneef ammallee rakkoo biraa nutti fidee dhufuu danda’a,

Egaa haalli qabatamaan biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo ammaa keessa jirtu, yaadolee an armaan olitti kaasuuf yaalee wajjin kan wal-faallessuu dha. Yeroo ammaa kana biyyi keenya kun geggeessitoota waan kaleessa darbeef odiitii hojjechuun boo’anii nu boossisaniin kan geggeeffamaa jirtu osoo hin taane, geggeessitoota mul’ata borii qofa qabaniif abdii egeree keenyaa as taa’anii nutti mul’isaa jiraniin waan geggeeffamaa jirruuf nutis isaanii wajjin deemuutu nurra jiraata. Akkuman armaan olitti kaasuuf yaale sababawwan gara garaan dhiibbaawwaan akka dhala namaatti nurra ga’uun irra hin turre nurra ga’uu malu ta’a, qaamni keenyallee miidhameera ta’a, dhala keenya, obbolaa keenyaa fi haadha keenyallee dhabneerra ta’a-taateen kun garuu kan kaleessaati malee kan har’aa ykn kan boruu miti. Bor guyyaa biraa dha.

Kanaaf yeroo ammaa kanatti kan nurraa barbaachisu, dhiibbaawwan kaleessa sababa adda addaatiin nurra ga’aa turan, yaadannee nutis kan kaleessa jibbaa turre sana bifa haalootiin kan namarratti raawwannu yoo ta’e, bor gaafa darabeen ga’u ammas rakkoo biraaf saaxilamuun keenya waan hin hafneef ilaalcha haaraa qabaachuun barbaachisaa dha. Fakkenyaaf muudamuu Muummocha Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiy asitti siyaasni biyya kanaa haaloo ba’uu irraa gara hammachuu, jaalachuu, kabajuutti ce’ee jira. Kunimmoo hagam biyya kana akka tokkummeesses argaa jirra. Biyyi tokko akka biyyaatti wal-faana guddachuuf lammileen achi keessa jiraatan tokkummaa qabaachuutu irra jiraata. Tokkummaan jiraannaan ammoo biyyoota akka Itiyoophiyaa qabeenya uumamaan badhaate kana guddisuun salphaadha. Biyyi guddattee jennaan ammoo nagaatu jiraata. Kanumarraa ka’uun bara haaraa nu fuuldura jira kana kabajuuf, dhaadannoo Jaalalaan haa ida’amnu, dhiifamaanis haa ceenu jedhuun itti adeemaa jirra. Dhugaa dubbachuuf dhaadannoon kun waan salphaa miti. Kanaan dura dhaadhannoowwan nuti dhaga’aa turre, waa’ee jaalalaa osoo hin taane, waa’ee dantaa biyya lafaa kanarraa qofa guuttachuuf nu kakaasan qofa ture. Waa’een jaalalaa, tokkummaa fi dhiifamaa garuu dantaa siyaasaa garas. Waa’ee jaalalaa fi tokkummaa lallabuun amala namummaa ti. Ofittummaan, jibbi, haaloo ba’uun kan keessa hin jirre waan ta’eef ilaalcha qulqulluu dha. Kanaan dura muuxannoon biyya jaalalaan ijaaruu waan hin turreef, biyya ijaaruu caalmaa diiguu isheetu saffisaa ture. Biyyi tokko yoomillee taanaan humna qawween ykn qarshiin kan ijaaramtu osoo hin taane, jaalaa fi dhiifamaan kan ijaaramtuu dha. Kanas kan dhugoomsu, hojii erga MMI Dr.Abiy muudamanii argaa jirru hundumtuu jaalalli, tokkummaa fi dhiifamni hagam humna biyya ijaaruu akka qabuu dha. Walumaagalatti, badiiwwan kaleessa nutis, ta’e namni biraan nurratti dalage irraanfannee, waa’ee isa nu fuulduraa yaaduun waan filannoof dhiyaatu miti. Eenyullee taanaan haaloo kaleessa miidhaan irra ga’aa ture ba’uu kan tattaafatu osoo hin taane, garaa dhiifamaa qabaachuun, jaalalaan waliin wajjin tokko ta’uun biyya kana jijjiiruuf hojjechuun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.