Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Jijjiiramichi kan uummataati

0 712

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Jijjiiramichi kan uummataati

Hiikaa margaa
Biyya kana keessatti keessumaa ji’oottan afran darban kana keessatti jijjiiramootni gama
siyaasaatiin argamaa jiran hedduu kan nama jajjabeessanii dha. Turtii muraasa kana
keessattis dimokiraasii dhugaa shaakaluu jalqabuun keenya abdii egeree keenyaa kan
namatti hora deemuu dha.
Rakkoowwan Kanaan dura gama bulchiinsa gaariitii fi qabiinsa mirga dhala namaa
hundeedhaan hiikuudhaaf hojii hagana jedhamee hin dubbatamnetu hojjetamaa jira.
Keessumaa dhiibbaawwan Kanaan sababa gara garaatii fi maqaa adda addaatiin
lammilee biyya kanaa irra ga’aa turan yeroo ammaa kana akka waan Kanaan dura biyya
kana keessatti dhiibbaan wayiitillee hin turreetti irraanfachuuf jechaa yeroo itti jirruu dha.
Yeroo dhiyoo asitti biyya kana keessatti namni akkaataa mirgaa fi ilaalcha isaan
jiraaachuu kan danda’u osoo hin taane, anatu siif beekaadhaan oofamaa as waan ga’eef
ifa yeroo ammaa kana arguu keenyaaf iyyuu yeroo nuti al tokko tokko amanuu itti
dhadhabnu ni jira.
Sababnisaa kanneen kanan dura maqaadhaaf biyya geggeessina jechaa turan, irra
keessaan dimokiraasii lallabaa keessaan ammoo gama adda addaatiin dhiibbaa
lammilee biyya kanaa irraan ga’aa waan turaniif waa’ee mirga ofii falamchuunis hagam
akka ulfaataa ture walitti himuun barbaachisaa miti.
Haa ta’uyyuu malee ji’oottan afran darban kana keessatti jijjiiramni siyaasaa biyya kana
keessatti dhufe, yeroo hundaa waa’ee jijjiirama kanaa akka barreessinu nu dirqisiisa.
Sababnisaa yeroo dhiibbaan nurra ture waa’ee dhiibbaa nurra ture Sanaa barreessuuf
osoo hin nuffin waan as geenyeef ifa bilisummaa amma argine kanammoo deebinee
akka hin dhabneef amma irra deddeebinee maal keessa akka turree fi amma ammoo
maal keessa akka jirru wal-yaadachiisuun barbaachisaa dha.
Kanaan dura qaamni silaa biyya kana keessatti karaa dimokiraasiin biyya geggeessa
jedhee gurmaa’e , dantaa wayyabaa iddoo biraatti gatuudhaan gochaawwan badii fi
mirga namoomaa irraan ga’an irratti bobba’ee jireenya gareewwan saamtotaa qofa
fooyyessuudhaaf waggoottan digdamii torbaaf rakkinni biyya kanaa akka wal-xaxuuf hojii
guddaan hojjetamus, jijjiirama yeroo ammaa dhufe Kanaan fashalaa’uu danda’eera.
Gareewwan Kanaan dura nutu ijaaruus ta’e diiguuf dandeettii qaba jedhanii dhaadatan
kunneen kanneen dhugaatti biyya guddisuuf osoo hin taane, kanneen dantaa
kontirobaandistootaa fi saamtota leecalloo uumamaaa biyya kanaa waan ta’aniif
lammilee biyya kanaa biratti akka malee jibbamaa waggoota dheeraadhaaf jiraataniiru.
Sababa kanarraan kan ka’es rakkoon nageenyaa biyya kana mudachuu danda’eera.
Keessumaa waggoottan sadan darban kana keessatti qaamni biyya geggeessaa ture
gaaffilee hawaasni kaasaa ture deebisuurra qabsoo karaa sirrii lammileen biyya kanaa
geggeessan maqaa adda addaa itti kennuudhaan laamshessuudhaaf yeroo adda addaa
yaaliin godhamaa ture.
Kana ta’uu isaarraan kan ka’e qaawwaa bal’aan hawaasaa fi mootummaa gidduutti
waan uumameef irra caalaatti rakkoo nageenyaatiif saaxilamuu dandeenyeerra. Waan
nageenya dhabneef ammoo karaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin illee miidhaa

guddaan biyya kana qaqqabeera.
Egaan dhuma irratti dubbiin cimee dhufuu isaarraan ka’e, mootummaanis dirqama of
jijjiiruu akka qabuu fi rakkoo keessoo isaa qulqulleessee ammas biyya kana hogganuuf
fedhii akka qabu ibsuusaas ni yaadatna.
Kanumarraa ka’uun erga hoggantootni haaromsaa kanneen akka Dr.Abiy fi jaalleewwan
isaanii biyya kana akka geggeessaniif dhiibbaa hawaasaatiin filatamanii biyyi kun
guyyaa guyyaatti waan haaraa nu dhageessisaa jirti. Jijjiiramawwan ji’oota sadii
keessatti ta’an qofaa ilaaluun lammileen biyya kanaaa hedduun isaanii abdiin biyya
kanaa harka Dr.Abiy faa akka jiru dhugaa ba’uutti ka’an.
Lammileen biyya kanaa Kanaan dura durgoodhaan illee hiriira hin baane, hojiiwwan
boonsaa Dr.Abiy hojjetan deggeruudhaaf bakkeewwan gara garaatti hiriira deggersa
kabajamoo MM keenyaaf jecha akka yaa’aa jiran ni beekna.
Walitti bu’iinsa daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa irraa kan ka’e biyyi keenya waggoottan
digdamaa oliif walitti dhufeenyi isheen biyya kanaa wajjin qabdu laafee turuu isaarrayyuu
lammileen obbolaa ta’an lama utuu akka malee walitti dhiyaatanii jiranii keenyan
jibbaatiin haxiramanii waggoottan kana gar gar fagaatanii turan. Haa ta’u malee hojii
dippilomaasii cimaa hojjetameen biyyi keenyaa fi Eertiraan akka malee michoomuu irra
darbeeyyuu sochiiwwan walitti dhufeenya biyyoottan kana lameenii cimsu hojjetamaa
jira.
Kana malees diyaaspooraan Kanaan dura mootummaa biyya kanaa balaaleffatu,
kabajaa guddaadhaan MMI Dr.Abiy Ahmediin ofitti fudhatanii namichi kun biyya kana ni
jijjiira jedhanii abdii isaan isaan irratti gatanii jiru.
Walumaa galatti wanti an gabaabaatti jechuu barbaade, jijjiiramni amma biyya kana
keessatti argamaa jiru, dantaa siyaasaa yeroo gabaabduuf jedhamee waan ta’aa jiru
osoo hin taane, jijjiirama bu’uura ta’eef ifaajee onnee irraa ka’een biyya kana jijjiiruuf
waan ka’amee jiruuf hawaasni biyya kanaa jijjiiramni kun kankooti jedhee fudhatee jira.
Haa ta’uyyuu malee, qaamoleen Kanaan dura maqaa aangootiin hawaasa kana saamaa
turan jijjiirama amma argame kanatti maqaa adda addaa baasuudhaan, tarkaanfii nuti
fuulduratti deemuudhaaf tarkaanfachaa jirru kana laamshessuudhaaf tattaafachaa
jiraachuu isaanii bakkeewwan gara garaa keessatti argaa jirra.
An akkuma namootni kanneen biroon illee jechaa jiran, jijjiiramni argame kun
abbummaadhaan kan hogganamu hawaasaan waan ta’eef eenyullee Kanaan booda
jijjiirama kana cabseen garbummaa Kanaan dura ture deebiseen fida yoo jedhe
gowwummaa akka ta’e ibsuun barbaada.
Xumura irratti, nutis kanneen jijjiirama amma dhufaa jiru irraa karaa adda addaan
fayyadamoo taane, rakkoon kaleessa baqachaa turre sun akka nutti hin deebineef
jijjiirama kana tikfachuutu nurra jiraata.
1

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy