AFAAN OROMOO

Jijjiiramichi kan uummataati

By Admin

August 29, 2018

Jijjiiramichi kan uummataati

Hiikaa margaa Biyya kana keessatti keessumaa ji’oottan afran darban kana keessatti jijjiiramootni gama siyaasaatiin argamaa jiran hedduu kan nama jajjabeessanii dha. Turtii muraasa kana keessattis dimokiraasii dhugaa shaakaluu jalqabuun keenya abdii egeree keenyaa kan namatti hora deemuu dha. Rakkoowwan Kanaan dura gama bulchiinsa gaariitii fi qabiinsa mirga dhala namaa hundeedhaan hiikuudhaaf hojii hagana jedhamee hin dubbatamnetu hojjetamaa jira. Keessumaa dhiibbaawwan Kanaan sababa gara garaatii fi maqaa adda addaatiin lammilee biyya kanaa irra ga’aa turan yeroo ammaa kana akka waan Kanaan dura biyya kana keessatti dhiibbaan wayiitillee hin turreetti irraanfachuuf jechaa yeroo itti jirruu dha. Yeroo dhiyoo asitti biyya kana keessatti namni akkaataa mirgaa fi ilaalcha isaan jiraaachuu kan danda’u osoo hin taane, anatu siif beekaadhaan oofamaa as waan ga’eef ifa yeroo ammaa kana arguu keenyaaf iyyuu yeroo nuti al tokko tokko amanuu itti dhadhabnu ni jira. Sababnisaa kanneen kanan dura maqaadhaaf biyya geggeessina jechaa turan, irra keessaan dimokiraasii lallabaa keessaan ammoo gama adda addaatiin dhiibbaa lammilee biyya kanaa irraan ga’aa waan turaniif waa’ee mirga ofii falamchuunis hagam akka ulfaataa ture walitti himuun barbaachisaa miti. Haa ta’uyyuu malee ji’oottan afran darban kana keessatti jijjiiramni siyaasaa biyya kana keessatti dhufe, yeroo hundaa waa’ee jijjiirama kanaa akka barreessinu nu dirqisiisa. Sababnisaa yeroo dhiibbaan nurra ture waa’ee dhiibbaa nurra ture Sanaa barreessuuf osoo hin nuffin waan as geenyeef ifa bilisummaa amma argine kanammoo deebinee akka hin dhabneef amma irra deddeebinee maal keessa akka turree fi amma ammoo maal keessa akka jirru wal-yaadachiisuun barbaachisaa dha. Kanaan dura qaamni silaa biyya kana keessatti karaa dimokiraasiin biyya geggeessa jedhee gurmaa’e , dantaa wayyabaa iddoo biraatti gatuudhaan gochaawwan badii fi mirga namoomaa irraan ga’an irratti bobba’ee jireenya gareewwan saamtotaa qofa fooyyessuudhaaf waggoottan digdamii torbaaf rakkinni biyya kanaa akka wal-xaxuuf hojii guddaan hojjetamus, jijjiirama yeroo ammaa dhufe Kanaan fashalaa’uu danda’eera. Gareewwan Kanaan dura nutu ijaaruus ta’e diiguuf dandeettii qaba jedhanii dhaadatan kunneen kanneen dhugaatti biyya guddisuuf osoo hin taane, kanneen dantaa kontirobaandistootaa fi saamtota leecalloo uumamaaa biyya kanaa waan ta’aniif lammilee biyya kanaa biratti akka malee jibbamaa waggoota dheeraadhaaf jiraataniiru. Sababa kanarraan kan ka’es rakkoon nageenyaa biyya kana mudachuu danda’eera. Keessumaa waggoottan sadan darban kana keessatti qaamni biyya geggeessaa ture gaaffilee hawaasni kaasaa ture deebisuurra qabsoo karaa sirrii lammileen biyya kanaa geggeessan maqaa adda addaa itti kennuudhaan laamshessuudhaaf yeroo adda addaa yaaliin godhamaa ture. Kana ta’uu isaarraan kan ka’e qaawwaa bal’aan hawaasaa fi mootummaa gidduutti waan uumameef irra caalaatti rakkoo nageenyaatiif saaxilamuu dandeenyeerra. Waan nageenya dhabneef ammoo karaa dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin illee miidhaa

guddaan biyya kana qaqqabeera. Egaan dhuma irratti dubbiin cimee dhufuu isaarraan ka’e, mootummaanis dirqama of jijjiiruu akka qabuu fi rakkoo keessoo isaa qulqulleessee ammas biyya kana hogganuuf fedhii akka qabu ibsuusaas ni yaadatna. Kanumarraa ka’uun erga hoggantootni haaromsaa kanneen akka Dr.Abiy fi jaalleewwan isaanii biyya kana akka geggeessaniif dhiibbaa hawaasaatiin filatamanii biyyi kun guyyaa guyyaatti waan haaraa nu dhageessisaa jirti. Jijjiiramawwan ji’oota sadii keessatti ta’an qofaa ilaaluun lammileen biyya kanaaa hedduun isaanii abdiin biyya kanaa harka Dr.Abiy faa akka jiru dhugaa ba’uutti ka’an. Lammileen biyya kanaa Kanaan dura durgoodhaan illee hiriira hin baane, hojiiwwan boonsaa Dr.Abiy hojjetan deggeruudhaaf bakkeewwan gara garaatti hiriira deggersa kabajamoo MM keenyaaf jecha akka yaa’aa jiran ni beekna. Walitti bu’iinsa daangaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa irraa kan ka’e biyyi keenya waggoottan digdamaa oliif walitti dhufeenyi isheen biyya kanaa wajjin qabdu laafee turuu isaarrayyuu lammileen obbolaa ta’an lama utuu akka malee walitti dhiyaatanii jiranii keenyan jibbaatiin haxiramanii waggoottan kana gar gar fagaatanii turan. Haa ta’u malee hojii dippilomaasii cimaa hojjetameen biyyi keenyaa fi Eertiraan akka malee michoomuu irra darbeeyyuu sochiiwwan walitti dhufeenya biyyoottan kana lameenii cimsu hojjetamaa jira. Kana malees diyaaspooraan Kanaan dura mootummaa biyya kanaa balaaleffatu, kabajaa guddaadhaan MMI Dr.Abiy Ahmediin ofitti fudhatanii namichi kun biyya kana ni jijjiira jedhanii abdii isaan isaan irratti gatanii jiru. Walumaa galatti wanti an gabaabaatti jechuu barbaade, jijjiiramni amma biyya kana keessatti argamaa jiru, dantaa siyaasaa yeroo gabaabduuf jedhamee waan ta’aa jiru osoo hin taane, jijjiirama bu’uura ta’eef ifaajee onnee irraa ka’een biyya kana jijjiiruuf waan ka’amee jiruuf hawaasni biyya kanaa jijjiiramni kun kankooti jedhee fudhatee jira. Haa ta’uyyuu malee, qaamoleen Kanaan dura maqaa aangootiin hawaasa kana saamaa turan jijjiirama amma argame kanatti maqaa adda addaa baasuudhaan, tarkaanfii nuti fuulduratti deemuudhaaf tarkaanfachaa jirru kana laamshessuudhaaf tattaafachaa jiraachuu isaanii bakkeewwan gara garaa keessatti argaa jirra. An akkuma namootni kanneen biroon illee jechaa jiran, jijjiiramni argame kun abbummaadhaan kan hogganamu hawaasaan waan ta’eef eenyullee Kanaan booda jijjiirama kana cabseen garbummaa Kanaan dura ture deebiseen fida yoo jedhe gowwummaa akka ta’e ibsuun barbaada. Xumura irratti, nutis kanneen jijjiirama amma dhufaa jiru irraa karaa adda addaan fayyadamoo taane, rakkoon kaleessa baqachaa turre sun akka nutti hin deebineef jijjiirama kana tikfachuutu nurra jiraata. 1