AFAAN OROMOO

Jiruun fooyya’aa abjuu ta’e akka hinhafne

By Admin

August 12, 2018

Jiruun fooyya’aa abjuu ta’e akka hinhafne

Ibsaa Namarraa

Naannoon Sumaalee Itiyoophiyaa qaama Itiyoophiyaa ta’e bara baraaf jiraachuun isaa ifaa dhaa. Yeroo kana keessa ummanni naannoo kanaa, akkuuma saboota biyyatti kan biroo arsaa lubbuu kafalee bilisummaa fi birmadummaa biyyatti kabjsise jiraa. Awrooppaanoonni Sumaaliyaa bittaa isan jala galchanii turan, Sumaloonni Itiyoophiyaa akka isaan jala bulan sossoobanii turan. Yaata’u malee sossooba kanaan osoo hingowwoomini Itiyoophiyaantummaan raggaahuu isaanii seenaan niibsaa.

Ummanni Sumaalee Itiyoophiyaantummaa isa irratti amntii cimaa qabu kun garuu, akkuma saboota biyyatti kan biroo, enyummaan isaa fudhatama seera dhabee ture. Yeroo kana keessa mirga fi bilisummaa enyummaa isaa kabajsisuuf qabsaaheraa. Keessttu Oroomtoota kilo meetra kum tokko ol dangaa walqodan waliin toftaa yeroo fi haala gaafatuun adda tokkoo uummatanii qabsaahaa turuun isaanii nibekamaa. Qabsoon bilisummaa kun firee horee, amma ummanni Sumaalee Itiyoophiyaa naanoo isaa ijaaree, ofiin of bulchaa qaama Feedaraalawaa Demokraatawaa Ripabliika Itiyoophiyaa tokko ta’e jiraa.

Ummanni Sumaalee Itiyoophiyaa heera mootummaa biyyattiin mirgi ofiin of bulchuun isaa kabajamulle, qaamoonni hidhatoota gara garaa naannoo keessa sochoo’aa waan turaniif nagaa fi tasgabbii dhabe ture. Yaata’u malee, waggoota kurnan darban keessa naanniichi nagaa fi tasgabbii argate jiraa. Yeroo nageenya fi tasgabbii kana keessa, ummanni naannichaa misooma, demookraasii fi bulchinsa  gaarii irratti fulleefachuuf carraa argate jiraa.

Yaata’u malee, ummanni naannichaa, dhabiinsa bulchiinsa gaariitin, dhibbiina dirree siyaasaatin, dhabiinsa kabajaa mirga namoomaatin dararamuu irraa hin’olle. Dhugaa dhaa, rakkooleen kun kan ummaata naanoo Sumaalee Itiyoophiyaa qoofa miti; naanoolee kan biroo keessas rakkoon walfakkaatuu jiraachuun isaa ifaa dhaa.

Rakkoon biyyatti mara keessa jiruu kun jabaachaa deemee, waggootan sadan darban keessa iddoolee biyyatti gara garaa keessa sochii balaaleeffannaa cimaa kaasee ture. Sochiin balaaleeffannaa kun arsaa lubbuu lamiilee, keessattu dargaggoota heedduu gaafate jiraa. Dhumarratti, sochiin kun firee horee, mootummaa feedaraalawaa fi nannoolee ADWUIn bulan keessa hooggaansii jijjiirraa gara angootti akka dhufu godhe jiraa. Naannoolee ADWUI aala jiran keessas jijjiiramni mul’achaa jiraa.

Hooggansi jijjiirraa gara angootti dhufe kun, tarkaanfilee dirree siyaasaa bal’isu, waligalte biyyooleessaa uumu, kabaja mirga namooma foyyeessuu fi kkf fudhate jiraa. Lmmiileen kumaan lakkaawaman yakka siyaasaa wajjiin walqabatun himatamani fi murtiin itti darbe mana hidhaa keessaa turan akka gadhiifaman godhame jiraa. Dhaabbattoota siyaasaa biiyya aalaa socho’aa turan, qabsoo hidhanoo keessa jiran dabalate gara biyyatti dhufanii sochii siyaasaa nagayaa irratti akka hirmaatan waamichi godhamee jiraa. Dhaabbiileeni fi lammiileen marti Akkaataa waamicha kanaa, gara biyyatti dhufu akka dandahan, moogaasni shorokeessuummaa Adda Bilisummaa Sabummaa Ogaadeen (ABSO), Adda Bilisummaa Oromoo (ABO), Ginboot 7 irratti kaayame ture  akka irraa ka’u godhame jiraa. Akkaataa waamicha kanaan dhaabbattoonni fi sabadhunfoonni heeddu gara biyya isaanitti deebi’ani jiru. Gara biyya isaanitti deebi’uuf kan qophii irra jiranis nijiru.

Ummanni naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa; tarkaanfileen dirree siyaasaa bal’isu, kabaja mirgoota namoomaa foyyeessuu, rakkoo bulchinsa gaarii furu fi saammiicha qabeenya dhaabsisu mootummoota feedraalawaa fi naannooleen fudhatamaa jiran, naanoo isa keessas akka fudhataman feedhii isaa ibsaa jiraa.  

Yaata’u malee, tarkaanfileen feedhii ummata kana madaalu fudhatamaa hinjiru. Haayyoleen, maanguddooleen, abbootiin amantaa, ugaazoonni fi dargaggoonni naannichaa rakkoon kabaja mirga namooma fi dhabiinsa bulchinsa gaarii, dhiphiinni dirree siyaasaa akka fooyya’u, saamichii qabeenya ummataa akka dhaabbuu magaaloota Finfinnee fi Dirree Dawaa irratti walagahanii gaafataniiru. Dhalattoonni naanniichaa yeroo jijjiirraa biyyattiin amma ittiin argamtu keessa, nannoo isaan keessa walgahanii ykn hiiriira bahanii gaaffii dhiyeessuu hindandeenye. Mootummaan naannichaa mirga heera mootummaan mirkanaaye fayyadamaa akka ta’an heeyyamamaa hintaane. Finfinnee fi Dirree Dawaatti kan walgahan kanaafii. Haalli kun dhabiinsa feedhii jijjirraa mootummaa naanniichaa mul’isaa.

Dhalatoonni naaniichaa ji’a tookko duura Finfinneetti gaaffii mirga kaasanii walgahii taa’ani turan. Yeroo kan namoonni gurmaahan, miiseensoota bakka bu’oota ummataa feedaraalwaa ta’an ofkeessa qaban bakka walgahiin adeemaa jirutti deemanii, walgahicha fashaleessuuf jeeqa kaasuun isaanii niyaadatamaa. Torbaan tokko duura Adooleessa 26, 2010 dhalattoonni naannoo Sumalee Itiyoophiyaa magaala Dirree Dawwaatti walgahii taa’ani turan. Yeroo kana huumni polisii addaa Sumaalee Itiyoophiyaa magaala Dirree Dawwatti lixee walgahicha fashaleessuuf yaaee ture. Garuu milkaahuu hindandeenye.

Yaliin kun osoo hinmilkaahin kan hafe, huumni nageenya feedaraalawaa dangaa naannoo Sumaale Itiyoophiyaa fi bulchinsa magaala Dirree Dawaa irratti qubate ture waan isaan ittiseefi. Kana aanee; Adooleessa 28, 2010 magaala Jigjigaa fi magaaloota naannoo kan biroo keessa, akkusmas Dirree  Dawaatti jeequmsi ka’e namoota amantiini fi enymmaan addaan baahan irratti haalleellaan raawwatame jiraa. Haaleellaa kanaan namoonni ajeefamanii jiru. Qabeenyi barbadaaye jiraa. Dubartoota irratti gudeeddiin raawwatame jiraa. Namoonni heeddu jiruu isaan irraa buqqaahani jiru. Haala kanaan mirgi lammiilee bakka feedhan jiraachu, hojjachuu, qabeeny horuu, abbaa qabeenya ta’u kkf heera mootummaan mirkanaaye sarbame jiraa.

Qindeessiitoonni haalleellaa kanaa hoogantoota muraasaa naanniichaa dhaa. Hoggantoonni muraasaa kun, gaaffiilee ummata ukkaamsuu fi seeraan gaafatamu jalaa miliqu kan barbaadan akka ta’an dhalattoonni naannniichaa niibsu. Hoggantoonni muraasaa kun tarkaanfiileen jijjirraa nannoo keessa fudhataman angoo nidhabsiisaa jeedhani soodaatu.

Warreen jeequmsa keessa kallatti dhaan hirmaatan ammoo namoota hooggantoota muraasaan borjaajja’ani fi maallaqaan bitamni akka ta’an ragooleen nimul’isuu. Amma huumnii ajaja (command post) raayyaa ittiisa biyyaa, polisii feedaraalawaa fi polisii naannoo Sumaalee Itiyoophiyaa irraa bobba’e gurmaayee nagaa naanniichaa tasgabbeessaa jiraa. Yeroo ammaa nageenyi fi tasgabbiin bu’e jraa. Namoota jiruu isaan irraa buqqaahaniifis gargaarsi dhiyaachaa jiraa. Garuu, sodaan nageenya  ammas nijiraa.

Dhalattoonni naanniichaa – haayyooleen, ugaazoonni, abbootiin amantaa, jaarsooleen biyyaa, dargaggoonni . . . nageenya naannicha  irraa dursaan kan fayyaddamu ummata naannichaa akka ta’e, dhabiinsa nageenyaan kan midhamuus ummatuma kana akka ta’e hubatanii nageenya busuuf tattaafachu qabu. Mootummaan naanniichaa – mannii maree bakka bu’oota ummataa, hojii raawwachiftuun fi qaamnii haqaa feedhii ofii isaa kan hinqabne ta’u isaa ummanni naanniichaa hubachuu qabaa. Angoon qaamoota mootummaa kanaa  kan ummata irraa maddee ta’u isaa, hojiin isaanii ummata akka feedhii isatti tajaajilu fi fayyadamaa taassiisuu qoofa akka ta’ees ummanni naannichaa hubachuu qabaa. Ummanni naannichaa, mootummaan qooda hojii isaa kana baahachuu hindandeenye jeedhee yoo amane gaafachuuf mirga qabaa; taa’itaa irraa busuus nidandahaa. Mirgi kun heera mootummaa naannichaatinis, feedaraalawaatinis mirkanaahee jiraa.

Kanaafu; haayyooleen, manguddoonni, ugaazoonni . . . mootummaan naannoo isaanii gaaffii ummataan ka’eef deebii  keennuuf dirqama akka qabu hubachisu qabu. Ummanniis gaaffii isaa haala nagayaan seera eegee akka dhiyeesuu hubachisuun irraa egamaa. Namoonni angoo irra jiran, huumna polisii nanniichaa fi dargaggoota burjaajjeessuun dantaa ofii isaanii guttachuuf fayyadamuuf tattaafachaa jiran adeemsa isaan kana irraa akka qusatan goorsuunis irraa egamaa.  

Walumagalatti; ummanni Sumaale Itiyoophiyaa waggootii baay’eef walitti bu’insaa fi loola keessa turuun isaa ifaa dhaa. Kanaafu faayidaa fi maalummaa  nageenya sirritti hubataa jeedhameet amanamaa. Yeroo nageenyi jiraatu misoomni hammam akka si’atuus waggootan kurnan darban keesa arge jiraa. Ummanni naannichaa muxannoo kana qabu kun, ol’antummaa seeraa kabjsisuun nageenya nannoo isaa mirkaneessuun irraa egamaa. Rakkoon nageenya amma uumame haatatamaan furamuu yoo dhabe, shororkeessiitoota gaanfa Afrikaa keessa soochoo’aniif qawaa banee, naanniicha dirree jeequumsa godhee misoomni fi abdiin jiru fooyya’aa ummataa abjuu ta’e akka hinhafne dammaquun dirqama.