Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Maalummaa tola-ooltummaa…

0 5,343

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Maalummaa tola-ooltummaa…

Yeroosan Toleeraa
Tola-ooltummaan hojii namni tokko fedhii isaatiin naannoo isaas ta’e bakka kamittuu
biyya kana ni fayyada jedhee kaffaltii tokko malee hojjetuu dha jechuu ni dandeenya.
Bara jireenya koo keessatti wanti na gammachiisu yoo jiraate, gaafan hojii tola
ooltummaa keessatti hirmaachaa turee dha. Bara an hojii tola ooltummaa keessatti
hirmaachaa ture sana ganna ganna hojiin tola ooltummaa nuuf akka idileetti kan
lakkaa’amaa turee dha. Sababnisaa ganna ganna barnoota keenya cufnee gara maatii
keenyaatti waan deebinuuf akkasumas boqonnaa waan qabnuuf hojii kana hojjechuun
nuuf waan salphaa ture.
Hojiin tola ooltummaa nuti yeroo sana hojjechaa turre keessaa isaan muraasni, barnoota
gannaa kanneen nuun gadi jiran barsiisuu, bishaan dhugaatii qulqulleessuu, daandii
qulqulleessuu, namoota dadhaban mana irra deemanii gargaaruu fi kkf ture.
Waan nama dhibu keessaa hojiin yeroo Sanaa barattoota yeroo sana waan kana
keessatti hirmaachaa turreef tarii salphaa ta’uu danda’a. Garuummoo bu’aan nuti buufne
qarshiidhaanis ta’e bu’aa argamsiiseen guddaa ture.
Hojii tola ooltummaa hojjechuun biyya ofii tajaajiluu irra darbeeyyuu jaalala biyyaa akka
qabaannuuf ga’ee guddaa taphata.
Fakkeenyaaf akka dhuunfaa kootiitti yeroo sana waan sammuu koo keessatti hafee
hanga yoonaa na yaachisu keessaa tokko yeroo mana namoota umriin isaanii deemee
irra deemnee dubbisaa turretti, abboo tii fi harmootiin dulloomoo ta’an yeroo qofaa
isaanii ta’an yeroon argutti utuun danda’ee jarreen kana dhabbiidhaan itti deddeebi’ee
gargaaree waan jedhutu natti dhaga’amaa ture. Inni kan biraan ammoo mana barumsaa
deemnee yeroo barsiisuuf jennutti barattoota sadarkaa ol’aanaa irra ga’anii garuummoo
dandeettiin isaanii hanga yaadamee gadi ta’e yeroon arginu biyya kanaaf waan tokko
akka gumaachuu qabnutu sammuu koo keessa deddeebi’aa ture.
Ergasii kaasee an biyya kana fedhii dhuunfaakoo osoo hin dursin tajaajiluu akkan qabun
baradhe.
Sanas ta’e kanas, hojii tola ooltummaa hojjechuun, osoo beeknuus ta’e hin beekin
faayidaawwan gara garaa qaba.
Faayidaawwan hojiin tola ooltummaa keessumaa dargaggootaaf qabu keessaa tokko
yeroo boqonnaa isaaniitti bakka hin barbaachifne akka hin oolleef isaan gargaara. Yeroo
baay’ee barattootni hedduun isaanii ganna ganna boqonnaa waan qabaniif, bakka
dhaqan dhabanii araada biraa keessatti akka hin kufneef isaan gargaara.
Inni biraan dargaggootni wayita hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan, jireenyi
hawaasummaa isaanii cimaa deema. Kana jechuun wayita hojii tola ooltummaaf
bobba’an sanatti hiriyoota Kanaan dura walitti dhufeenya hin qabne wajjin wal-baruun
haala jiruu biyya isaanii irratti akka mar’itaniif isaan gargaara.
Bilchina sammuutiif illee hojiin tola ooltummaa iddoo ol-aanaa qaba. Sababnisaa wayita
hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan waa’ee naannoo ofii yaaduutu eegala, rakkoowwan
jiraniif furmaata barbaaduutu eegalama.
Kanaaf qeerroowwan yeroo ammaa mana barumsaatii gallee mana jirrus, haala
qabatamaa biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu hubachuudhaan ga’ee keenya
ba’achuutu nurra jiraata.
Ga’eewwan nurraa eegaman keessaa isaan gurguddoon tokko tokko kanneen armaan
gadiiti.

Inni jalqabaa, hojii nageenya naannoo keenyaa tiksuu ti. Biyyi keenya yeroo ammaa
siyaasa ce’umsaa keessatti argamti. Adeemsa kana keessatti rakkoon nageenyaa
bakkeewwan gara garaatti mul’achaa jiru.
Rakkoowwan nageenyaa mul’atan kana furuudhaaf ammoo namni barate warra hin
baranne caalaa beekumsa barumsaan argame ykn muuxannoo jireenya isaa keessatti
argatetti fayyamuudhaan dafee hiikuu danda’a.
Hojiin tola ooltummaa xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu qabu keessaa tokko,
hojii qulqullina naannoo eeguu ti. Qulqullina naannoo keenyaa eeguudhaan bu’aawwan
hedduu argamsiisuu ni dandeenya.

Yeroo baay’ee sababa qulqullina dhabuu naannoo keenyaatiin dhibee sanaan wal-
qabatee dhufuuf saaxilamaa oolla. Garuummoo salphumatti qulqullina naannoo keenyaa

eeguudhaan ofii keenyaa fi ta’e namoota biro dhibee irraa baraarree jireenya
gammachuu qabu jiraachuun ni danda’ama.
Barattoota barnoota idilee isaanii irratti laafina qaban gargaaruun ammoo hojii tola
ooltummaa keessaa isa iddoo guddaa qabuu dha, Namni barate furtuu rakkoo waan
hundaa akka ta’e beekamaa dha. Haa ta’u malee sababoota garagaraatiin barattootni
baay’een wayita barnoota idilee isaanii baratanitti barnootni sun dafee galuufii dhiisuu
danda’a. Kanaaf barattoota kana barsiisuudhaan isaaniis jijjiiramanii guddina biyya
kanaa keessatti ga’ee isaanii akka ba’ataniif dandeessisuu ni dandeenya.
Walumaa galatti hojii tola ooltummaa hojjechuun hojii biyyaa fi lammii fayyadu
hojjechuudha waan ta’eef, gara fuula duraattillee aadaa godhannee irratti hirmaachuu
qabna.

Waan dubbiftaniif galatoomaa!

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy