AFAAN OROMOO

Maalummaa tola-ooltummaa…

By Admin

August 10, 2018

Maalummaa tola-ooltummaa…

Yeroosan Toleeraa Tola-ooltummaan hojii namni tokko fedhii isaatiin naannoo isaas ta’e bakka kamittuu biyya kana ni fayyada jedhee kaffaltii tokko malee hojjetuu dha jechuu ni dandeenya. Bara jireenya koo keessatti wanti na gammachiisu yoo jiraate, gaafan hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachaa turee dha. Bara an hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachaa ture sana ganna ganna hojiin tola ooltummaa nuuf akka idileetti kan lakkaa’amaa turee dha. Sababnisaa ganna ganna barnoota keenya cufnee gara maatii keenyaatti waan deebinuuf akkasumas boqonnaa waan qabnuuf hojii kana hojjechuun nuuf waan salphaa ture. Hojiin tola ooltummaa nuti yeroo sana hojjechaa turre keessaa isaan muraasni, barnoota gannaa kanneen nuun gadi jiran barsiisuu, bishaan dhugaatii qulqulleessuu, daandii qulqulleessuu, namoota dadhaban mana irra deemanii gargaaruu fi kkf ture. Waan nama dhibu keessaa hojiin yeroo Sanaa barattoota yeroo sana waan kana keessatti hirmaachaa turreef tarii salphaa ta’uu danda’a. Garuummoo bu’aan nuti buufne qarshiidhaanis ta’e bu’aa argamsiiseen guddaa ture. Hojii tola ooltummaa hojjechuun biyya ofii tajaajiluu irra darbeeyyuu jaalala biyyaa akka qabaannuuf ga’ee guddaa taphata. Fakkeenyaaf akka dhuunfaa kootiitti yeroo sana waan sammuu koo keessatti hafee hanga yoonaa na yaachisu keessaa tokko yeroo mana namoota umriin isaanii deemee irra deemnee dubbisaa turretti, abboo tii fi harmootiin dulloomoo ta’an yeroo qofaa isaanii ta’an yeroon argutti utuun danda’ee jarreen kana dhabbiidhaan itti deddeebi’ee gargaaree waan jedhutu natti dhaga’amaa ture. Inni kan biraan ammoo mana barumsaa deemnee yeroo barsiisuuf jennutti barattoota sadarkaa ol’aanaa irra ga’anii garuummoo dandeettiin isaanii hanga yaadamee gadi ta’e yeroon arginu biyya kanaaf waan tokko akka gumaachuu qabnutu sammuu koo keessa deddeebi’aa ture. Ergasii kaasee an biyya kana fedhii dhuunfaakoo osoo hin dursin tajaajiluu akkan qabun baradhe. Sanas ta’e kanas, hojii tola ooltummaa hojjechuun, osoo beeknuus ta’e hin beekin faayidaawwan gara garaa qaba. Faayidaawwan hojiin tola ooltummaa keessumaa dargaggootaaf qabu keessaa tokko yeroo boqonnaa isaaniitti bakka hin barbaachifne akka hin oolleef isaan gargaara. Yeroo baay’ee barattootni hedduun isaanii ganna ganna boqonnaa waan qabaniif, bakka dhaqan dhabanii araada biraa keessatti akka hin kufneef isaan gargaara. Inni biraan dargaggootni wayita hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan, jireenyi hawaasummaa isaanii cimaa deema. Kana jechuun wayita hojii tola ooltummaaf bobba’an sanatti hiriyoota Kanaan dura walitti dhufeenya hin qabne wajjin wal-baruun haala jiruu biyya isaanii irratti akka mar’itaniif isaan gargaara. Bilchina sammuutiif illee hojiin tola ooltummaa iddoo ol-aanaa qaba. Sababnisaa wayita hojii tola ooltummaa irratti hirmaatan waa’ee naannoo ofii yaaduutu eegala, rakkoowwan jiraniif furmaata barbaaduutu eegalama. Kanaaf qeerroowwan yeroo ammaa mana barumsaatii gallee mana jirrus, haala qabatamaa biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu hubachuudhaan ga’ee keenya ba’achuutu nurra jiraata. Ga’eewwan nurraa eegaman keessaa isaan gurguddoon tokko tokko kanneen armaan gadiiti.

Inni jalqabaa, hojii nageenya naannoo keenyaa tiksuu ti. Biyyi keenya yeroo ammaa siyaasa ce’umsaa keessatti argamti. Adeemsa kana keessatti rakkoon nageenyaa bakkeewwan gara garaatti mul’achaa jiru. Rakkoowwan nageenyaa mul’atan kana furuudhaaf ammoo namni barate warra hin baranne caalaa beekumsa barumsaan argame ykn muuxannoo jireenya isaa keessatti argatetti fayyamuudhaan dafee hiikuu danda’a. Hojiin tola ooltummaa xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamuu qabu keessaa tokko, hojii qulqullina naannoo eeguu ti. Qulqullina naannoo keenyaa eeguudhaan bu’aawwan hedduu argamsiisuu ni dandeenya.

Yeroo baay’ee sababa qulqullina dhabuu naannoo keenyaatiin dhibee sanaan wal- qabatee dhufuuf saaxilamaa oolla. Garuummoo salphumatti qulqullina naannoo keenyaa

eeguudhaan ofii keenyaa fi ta’e namoota biro dhibee irraa baraarree jireenya gammachuu qabu jiraachuun ni danda’ama. Barattoota barnoota idilee isaanii irratti laafina qaban gargaaruun ammoo hojii tola ooltummaa keessaa isa iddoo guddaa qabuu dha, Namni barate furtuu rakkoo waan hundaa akka ta’e beekamaa dha. Haa ta’u malee sababoota garagaraatiin barattootni baay’een wayita barnoota idilee isaanii baratanitti barnootni sun dafee galuufii dhiisuu danda’a. Kanaaf barattoota kana barsiisuudhaan isaaniis jijjiiramanii guddina biyya kanaa keessatti ga’ee isaanii akka ba’ataniif dandeessisuu ni dandeenya. Walumaa galatti hojii tola ooltummaa hojjechuun hojii biyyaa fi lammii fayyadu hojjechuudha waan ta’eef, gara fuula duraattillee aadaa godhannee irratti hirmaachuu qabna.

Waan dubbiftaniif galatoomaa!