AFAAN OROMOO

Qamaleen dhaltee, dhaltee…

By Admin

August 20, 2018

Qamaleen dhaltee, dhaltee…

Yeroosan Toleeraa

Waa’ee Qabsoo uummata Oromoo yeroo dubbannu, Uummanni kun waggoottan 150 oliif bittaa alagaa jalatti kufee, akka fedhii isaatti osoo hin taane, akka fedhii bittootaatti jiraachaa turuusaa, qabeenya isaarratti ajajuu osoo hin taane, waan godhi jedhamaa ture gochaa turuu isaa, biyya kanarratti abbaa biyyummaa kan qabaachaa ture osoo hin taane, akka lammii lammaaffaatti ilaalamaa turuusaa dhaga’aa guddanne.

Erguma sirni Bulchiinsa Dimokiraasii ammayyaa’aa ta’e diriiree illee, dhiibbaan Uummata Oromoo kanarra ga’aa ture kan dhaabbate osoo hin taane, bifa jijjiirrachuun gabrummaa fi miidhamuun uummata kanaa akka Kanaan duraa bifa mul’ataadhaan osoo hin taane, bifa dhokataadhaan akka itti fufu taasifamaa tureera.

Haa ta’uyyyuu malee, uummanni Oromoos abdii kutatee harka kennee gabrummaa ho’ifatee, maalummaa isaa guutummaatti dagatee kan jiraate osoo hin taane, barootaa barootatti akkaataa yeroon barbaaduun qabsaa’aadhuma as ga’e.

Yeroo mirgi namoo isaa dhiitamaa turee fi akka dhala namaattillee hin lakkaa’amin turetti, abdii kutannaa tokko malee qabsaa’uudhaan yoo xiqqaatellee mirgootni dhala namaa uummanni kun qabu akka kabajamuuf aarsaa guddaa kaffalee as ga’ee jira.

Injifannoo mirga namoomaa erga argatee booda ammoo, qabsoon aadaa, afaanii fi duudhaa ofii deebifachuus akka ture ni dhageenya. Sanas aarsaa guddaa kaffaluudhaan uummatni Oromoo yeroo ammaa kanatti Afaan ofiitiin barachuu irra darbee sadarkaa Yuunivarsitiittillee hanga PHD tti akka baratamu taasifamaa jira. Kun ta’uun isaa ammoo qabsoon Uummata Oromoo kan Oromoo qofa akka ta’uuf Afaan keenyaan ijoolleewwan keenya qofatti waan dubbannuuf qabsoon diddaa gabrummaa keenyaa diina keenya bira osoo hin ga’in icitiidhaan Afaanuma keenyaan walii gallee diddaa gabrummaa akka finiinsinu daran nu gargaare.

Egaa sadarkaa sadarkaadhaan dhufnee yeroo ammaa kanammoo mirga abbaa biyyummaa keenyaa mirkaneeffachuuf halkanii guyyaa qabsoo eegalle, qabsoon akkasii kun sirna waggoota dheeraadhaaf akka silmiitti qabeenya uummata Oromoo xuuxaa turee wajjin walitti bu’uu fida waan ta’eef salphaatti kan ilaalamu hin turre, Qabsaa’ota baay’eetu itti wal-jijjiire. Kaan sodaatee keessaa ba’e, kaan dadhabee geeddarame, kaan ammoo lubbuu isaa itti dhabe. Sadarkaa irra geenye kana keessatti haa xiqqaatuyyuu malee Oromoo ta’ee namni ga’ee isaa hin ba’atin hin jiru.

Erga bara Jeneraal  Taaddasaa Birruu fa’aa eegalee hanga har’a bara obboo Lammaa Magarsaafaa gidduutti, injifannoos ta’e gidiraa Uummata oromoo kanaaf wareegama hedduutu kaffalame.

Barootni qabsoo qabsoo Jen.Taaddaasaa Birruufaa fi Obbo Lammaa Magaarsaa Gidduu jiran gargar haa fagaatan iyyuu malee, akkaataan yeroon barbaaduun bu’aa barbaadamu argamsiisaatuma as ga’an ,

Dhugaa jiru dubbachuuf eenyullee taanaan jireenya isaa keessatti injifannoos ta’e waan fedhiikoo argadhe jedhee kan dhaabbatu hanga yoonaatti kan hin jirre yoo ta’es,  qabsoon ammoo tooftaa gaafatti.

Waa’ee tooftaa kanan kaasuu barbaadeef, akkuman Kanaan dura jedhe, baraa fi baroota gidduutti sadarkaan qabsoo keenyaa fi injifannoon keenya wal-gituutu irra jiraata. Fakkeenyaaf bara darbe waa’ee Maaster Pilaanii Mormuu irratti qabsoofnee sana erga injifannee booda, dhimmi master pilaanii qabsoo keenya boriitti wal-nurkaa makachuu hin qabu. Akkas kan ta’u yoo ta’e xiyyeeffannoon keenya waan har’a barbaannu osoo hin taane, kan kaleessaa wajjin wal-makuun injifannoo keenya darbe waan balleessuuf.

Tooftaa qabsoo keessatti ammoo inni guddaan isan argame kununfachaa, isa qabsaa’amuufiin qabu ammoo dhaawata dhaawataan itti adeemuun barbaachisaa dha. Qabsoo keessatti wanti nuti beekuun nurra jiraatu, waan hundumaa guyyuma tokkotti injifatanii galuun kan hin danda’amnee fi sirumaayyuu waan tokko tokko dhabanii galuun akka jirus beekuun barbaachisaa dha.

Kanumaan wal-qabatee wanti ani dubbachuu barbaadu, akka uummata Oromootti injifannoo amma akka biyyaatti arganne kana kununfachaa akka hin jirretu natti dhaga’amaa jira.

Sababnisaa, qabsoon uummatni Oromoo Kanaan dura taasisaa ture, injifannoo amma arganne kana garas hagas mara kan fagaatu miti. Fagaatus sadarkaa amma arganne kana osoo hin kununfatin, nurka turaaf nurkaa fudhatamaa isaa osoo hin mirkaneeffatin gara qabsoo biraatti ce’uun akka waan biddeen hin bilchaatin nyaachuuf dhiyeeffachuuttin fudhadha.

Akkakootti, uummatni Oromoo yeroo kanatti gaaffii hin deebineef akka dhuunfaattis ta’e, akka biyyaatti yoo qabaate, callisuutu irraa eegama. Sababnisaa yeroon kun yeroo itti gaaffiiwwan mataa keessaa qabnu tarreessinu osoo hin taane, yeroo itti injifannoo arganne kana dhaadhesinee, hamilee walitti horree qabsoo itti aanuuf haala mijeessinuu dha.

Kana hin taane taanaan, dhangalaasaa oolaanii, waraabaa ooluutu dhufa. Injifannoo argame irraanfatanii isa sichi argamu yookiin argamuu dhiisuuf wixxifachuutu dhufa.

Amma kan nurraa eegamu, boqonnaa fudhachuu dha. Sababnisaa yeroo ammaa kana biyya kana kan geggeessaa jiru Oromoo dha. Oromoon yeroo ammaa kana biyya geggeessaa jiru kun ammoo kan ba’e uummatuma kana keessaa waan ta’eef dhukkubbiin keenya isaaf ammoo irra caalaatti dhukkubbii cimaadha. Sababnisaa tokkoffaa akka nama dhunnfaa tokkootti rakkinichaaf ni dhukkubsata, inni lammaffaan ammoo rakkoon hawaasa kanaa furamuu waan qabuuf furmaata isaa barbaaduufis ni dhukkubsata. Kanaaf kana hubachuu qabna.

Fakkeenyaaf waa’ee rakkoo uummata Oromoo Dr.Abiy tti nan hima jedhee yoon yaade kun anaaf gowwummaa cimaadha. Sababnisaa innuu ana caalaa kan beeku caalaa lubbuu isaa hanga kennutti nama qabsaa’eedha waan ta’eef.  Kanaaf anaaf wanti salphaan an gochuu qabu yoo jiraate, yoon rakkoo jiru akka furamuuf gargaaruu hin dandeenye, callisee waan inni godhu ilaaluutu narraa eegama jechuu dha,

Kanarraa kan hafe, gaaffiiwwan keenya waggoota dheeraaf deebii argachaa jiran irraanfannee, rakkoowwan waggoota 150 oliif turan waggaa tokko keessatti akka deebi’aniif dhiibbaa kan goonu yoo ta’e, fuulduratti akka hin tarkaanfanneef wal-sakaalaa, rakkoon Kanaan dura baqannee as geenye bor dhufee akka nu dhaalu gochaa jirra jechuu dha.

Dhugaa dubbachuuf taanaan, kan akka uummata Oromoo yeroo ammaa kana carraa argate hin jiru. Kanaaf yeroon nu fuuldura jiru yeroo kam irrayyuu caalaa yeroo ifaa waan ta’eef isa boriif of haa qopheeessinu.

Hin taanaan, dubbiin “qamaleen dhaltee, dhaltee eegee geessee dadhabdi” isa jedhan akka nu duraa hin taane jedheen sodaa dha. Sababnisaa diinonni keenya kaleessa nu gabroomfatanii baran har’as asuma biyya kana keessa jiru waan ta’eef osoo nuti asii wal-sakaalluu , wal tumsanii dhufanii akka nu hin dabarre shakkii jedhun qaba.

Kanaaf akka sabaatti wanti nurraa eegamu, miira mirqaansuu keessaa ba’uun ammallee karaa dheeraan akka nu dura jiru beekuu, ol-aantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuun, gaaffiiwwan qabnu karaa seeraa fi heera biyya kanaatiin gaafachuu, sababa nuti aangoo biyya kana geggeessuu arganneef kanneen biroon sodaachuu akka hin qabneef dhama’uu tu nurra jiraata.