AFAAN OROMOO

Safuu fi seerarra hingorinaa

By Admin

August 19, 2018

Safuu fi seerarra hingorinaa

Ibsaa Namarraa

Itiyoophiyaan tibbana walitti-bu’insa fi ajjeechaa sukkanneessaa keessa dabarte. Naannoo Sumaale Itiyoophiyaa magaala Jigjiga fi magaaloota kan biroo keessa  lammiilee ummata naannichaa waliin nagaan jiraachaa turan irratti haaleellaan raawwatame jiraa. Haaleellaa kanaan namoonni hanga ammaa hammam akka ta’an hinibsamne lubbuu dhabanii jiru. Midhaan qaamaa kan itti gahees heedduu dhaa. Qabeenyi waggoota dheeraaf hoojjatanii hooran battalumammti jalaa badee jiraa. Lammiileen kumaan lakkaahaman jiruu isaan irraa buqqaahanii jiru.   

Wlitti-bu’insa ykn haaleellaa lammiilee irratti raawwatame kan tasa maal akka qabsisee hanga ammaa hinibsamne. Ta’ulle, haaleellaan, lammiillee amantaani fi enummaa sabaatin addaan bahan irratti raawwatamuun isaa, akkasuumasa yerroo gabaabaa keessa magaaloota naanniichaa baay’e keessa babal’achuun isaa, dangaa biyyatti cehee hanga Jibuutii qaqqabuun isaa haaleellaan kan gurmaayee fi abbaa qajeelchu qabaachuu isaa eraa. Lamiileen haaleellaa kanaan midhaman akka ragaa bahanitti, haalleellaa irratti hidhattoonni huumna addaa naannichaa hirmaatanii jiru. Kun ammo namoota rakkoo mootummaa naannicha keessa uumameen angoo dhabnaa jeedhanii sodaatan ykn angoo dhaban haarka isaanni akka itti galfatan eraa.

Walitti-bu’insa kana irratti wanti kanaan duura hinbaramnees mul’ate jiraa. Egaa naannoon Sumaale Itiyoophiyaa jaarraa walakkaaf dirree waraanaa fi walitti bu’insaa ta’e darbuun isaa nibeekamaa. Keessattu; bara 1969 weerarri mootummaa Somaaliyaa Si’aad Baarreen hoogganamu Itiyoophiyaa irratti raawwatame seenaa hindagatamne dhaa. Weerara hanga Dirree Dawaa gahee ture kanaan lammiileen naannoo Itiyoophiyaa Sumaale keessa jiraatan heedduu ajeefamanii jiru. Jaarsooleen biyyaa haala yeroo san ture yaadatan; yeroo san maneen amantaa akka hingubanne, abbootiin amantaas akka hinajeefamne raga bahanii jiru. Waraana waggootan kurnan tokko duura naanoo keessa adeemsifamaa tureenis manneen amantaa hingubanne, abbootiin amantaas hinajeefamne. Haalleellaa tibbana raawwatame irratti garuu, wanta huumna weerartoota alagaan hinraawwatamnetu raawwatame. Manneen amantaa kirstaanaa sagal gubatanii jiru. Abbootiin amantaa haala sukkanneessaan ajeefamanii jiru. Egaa, haammeenyi kanaan duura biyyatti keessa hinjirre kun esaa dhalate?

Iddoowwan biroo biyyatti keessas gochoonni sukkanneessaa safuu fi ol’antummaa seeraa  digan raawwatamaniru. Gochoonni sukkanneessaa safuu fi seera digan kun heeddu dhaa. Haala amma biyyatti keessa jiru mul’isuuf lamman takka akka fakkeenyatti haailaallu.

Toorbaan tokko dura sirna simannaa tarkaanfachisaa siyaasaa Oromoo Jawaar Mahaamadif magaala Shaashamanneetti qophaaye iratti lubbuun namoota sadii baduun isaa niyaadatamaa. Kanneen keessa dargageessi tokko sababa boombii qabatee jiraa jeedhuun utuba eleetrika irratti gadi fanniifame ajeefamuun isaa niyaadatamaa. Ajjechaan sukkanneessa kun ummata biyyatti mara naassiisee jiraa. Du’aati nama tokko miti naasuu kan uume; akkaataa dargageessi itti du’etu ummata naassiisee.

Safuun ummata Oromoo beelaydnille haala sukkanneessaan akka hindune ajaju eesa badeet lafa Oromoo irratti namni ifaa guyaatin magaala gidduu haala sukkanneessaan kan ajjeefame? Safuun Oromoo akkam haala akkanaan ulfina dhabuu dandahe? Kun gaaffii namoota heeddu dhaa. Gochi sukkanneessaa kun kan raawwattee dargaggoota (qeerroo) jijjiirra biyyatti amma itti argamnu fidaniin ta’uun isaa ammo sodaachisaa dhaa. Gocha sukkanneessaa kanaan safuu ummata qoofa miti kan kabaja dhabe. Seerri biyyattiis kabaja dhabee jiraa; ol’antummaan seeraa digame jiraa. Ajjeechaan seera dige kun kan raawwatame, sirna simannaa addababayii mootummaan beekkamte keennamee irrtti, iddoo namoonni heeddu, huumni polisii argamutti. Egaa huumni polisii seera kabajsisuuf bahee, seera kabajsisu maaliif hindandeenye? Seerraa haarka enyu jirti?

Haaluma kanaan guyyoota muraasaa dura naannoo Amaaraatti seerri fi safuun digame lammiileen haala sukkanneessaa ta’een ajeefamuun isaanii niyaadatamaa. Lammiileen kun ifaa guyyaan haala sukkanneessaan  dhakaan tumamanii ajeefaman. Safuun ummata Amaraa haala kamiin ulfina dhabe gochi sukkanneessaa kun raawwatame? Seera kabajsistoonni, olantummaa seeraa jkabajsisu maaliif dadhaban?

Kan armaan olitti tuqaman akka fakkeenyattan kaase malee biyyatti mara keessa gochi sukkanneessaa akkanaa guyya guyyaan raawwatamaa jiraa. Kana irratti wanti guddaan safuun ummatta Itiyoophiyaa garaagarummaa saba fi amantaa ol ta’e waliin jiraachise fi walkabajsise akka salphaatti tasa ulfina dhabu isaatti. Osoo mootummaan hindigamini, huumni kabajsisaa seeraa osoo jiru olantummaan seeraa kabajamu dhabuun isaas yaaddeessaa dhaa.

Waamaraafu; amma biyyattiin jijjiirama waligalaa irratti argamti. Jijjiiramni kun qabsoo qeerroo fi qarree arsaa lubbuu gaafateen kan argame dhaa. Jijjiiramni kun kaayyoo dirree siyaasaa biyyatti bal’isu, haala kabaja mirga namooma fooyyeessuu, saamicha qabeenya ummataa fi mootummaa salphisisu, walumagalatti jiruu ummata fooyyeessuu dhaa. Egaa adeemsi jijjiiramaa kun ummata keessa abdii horee jiraa. Milkaahinni kaayyoolee garuu ol’antummaa seera barbaada.

Walitti-bu’insi fi ajeechaan lammiilee safuu fi seera dige haala amma jiruun kan ittifufu taanaan ol’antummaan seeraa bade alsirnummaan ol’antummaa argachuun isaa waan hin’olle. Jijjiiramni abdatamees abjuu ta’e hafuun isaa waan hin’olle. Keessttu, alseerummaan fi alsafuummaan kun kan raawwatamaa jiruu qeerroo jijjiirama kana fideen ta’un isaa sodaachisaa dhaa. Qeerroon, jijjiirama arsaa lubbuutiin fide haarka isaatiin akka hinballeessine egachuu qabaa. Seera fi heera raawwachiisuun, kabajsiisuun, yakka ittiisuun . . . kkf qooda mootumaati malee qooda qeerroo miti. Qeerroon akka lammii kamiyyuu seerri akka kabajamu gaafachuu, yammuu yakki raawwatame argamu kan saaxilu, tarkaanfiin akka fudhatamu taassiisuu darbee, daboo dhaan tarkaanfii fudhachu hindandayu. Akki kun ol’antummaa seera dige abdii jijjirraa gufachisuun isaa wanta hin’olle ta’u isaa hubatamu qabaa. Kanaafu, seera fi safuu kabjun wanta filannoo hinqabne. Seeraa fi safuu irraa gooruun balaa fidaa.