AFAAN OROMOO

Seer-dhabeessummaan aadmalee dha!

By Admin

August 10, 2018

Seer-dhabeessummaan aadmalee dha!

Hiikaa Margaa Akkuma beekamu Oromoon dhiibbaa fi cunqursaa jaarraa tokko olii irra ture ofirraa kuuffisee bilisummaa isaa labsachuu fi abbaa biyyummaa isaa mirkaneeffachuuf qabsoo hadhaa’aa aarsaa lubbuu gootawwan hedduu galaafate gochaa tureera. Yeroo dhiyoo as keessumaa waggoottan lamaan darban kana qabsoo roga maraan keessaa fi alaan godhaa tureen aarsaa lubbuu qeerroo fi qarree hedduu galaafateen sirna bulchiinsa badaa ofirraa injifatee yeroo ammaa kana sadarkaa biyya geggeessuutti ce’ee jira. Jette jettee dur Oromoon biyya bulchuu hin danda’u jedhamee odeeffamaa tures, bulchuu qofaa osoo hin taane, yeroo gabaabduu keessatti seenaa ajaa’ibsiisaa biyya kana keessatti ta’ee hin beekne dalaguu irra jira. Injifannoo inni biraan erga geggeessitootni haaromsaa kun gara aangootti dhufanii, maqa-balleessiin Kanaan dura paartilee Morkattootaa ofirraa ari’uun ofiif aangoo of harka tursuuf godhamaa ture hafuuun Paartileen biyya kana keessatti karaa nagaan qabsaa’een jijjiirama biyya kanaaf hojjedha jedhan hundinuu maqa-balleessiin sun irraa ka’ee nagaadhaan biyya isaanii keessa akka socho’aniif haalli mijaa’ee jira. Injifannoowwan yeroo muraasa kana keessatti arganne kun kan teenyee isa faarsaa oollu qofa osoo hin taane, miidhama waggaa dheeraa nurra ture sana bakka buufachuudhaaf hojii cimaan gara fuula duraatti kan nu eeggatu ta’uu isaa beekuun barbaachisaa dha. Injifannoowwan amma arganne kana of harka tursinee gara injifannoo biratti ce’uudhaaf yeroo kamiinuu caalaa tokkummaadhaan yeroon itti kaanu amma waan ta’eef garaa garummaa keenya caalaa waan wal-faana nu deemsisu irratti xiyyeeffannee kan deemnu yoo ta’e shakkii tokko malee gara fuula duraatti tarkaanfachuu dandeenya. Kana booda ammoo sirna dimokiraasii, ijaaruu dinagdee biyyaa fi Oromiyaa cimsuu, nageenya waara’aa Oromiyaa keessatti fiduuf qabsaa’uutu nurraa eegama, Kana duukaa qabsoo fayyadamummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo Oromoo karaa paartii siyaasaa barbaadne hordofaa mirkaneessuu dandeenya. Haa ta’u malee, qeerroo, qarree fi dargaggeessi keenya hubannoo wal-fakkaataa hin qabu. Bakka hedduutti ol-aantummaan seeraa cabee namni akka barbaade ta’aa jira. Kun ammoo karaa kamiinuu Oromoo kan fayyadu osoo hin taane, kan saalfachiisuu dha. Sababnisaa Oromoon yeroo ammaa kana Saba guddaa biyya kana geggeessaa jiru osoo ta’ee jiruu, jeequmsi kamillee,walitti bu’iinsi qaamolee nageenyaa wajjin jiraachuun isaa akka saba Oromootti kan nu saalfachiisuu dha. Yeroo ammaa kana kan nurraa eegamuu Nageenya Oromiyaa eegsisuu irra dabarree, nageenya Naannolee biraa eegsisuun kan nurra jiraatuu dha. Yeroo ammaa kana akkuma argaa jirru, Mootummaan biyya geggeessaa jiru sabaa fi sab=lammoota biyya kana keessatti Kanaan dura sababa gara garaatiin gar-gar fagaatanii turan walitti fidee jaallalli biyya kana keessa akka jiraatuuf halkaniif guyyaa hojii guddaa hojjechaa jira.

Tattaaffii mootummaan biyya kana tokkummeessuuf godhu kana keessatti ga’een Uummata Oromoo ol’aanaa ta’uutu irra jiraata. Sababnisaa Uummatni Oromoo Kanaan

dura sababa maqa=balleessii irratti adeemsifamaa tureef akka saba, sabaa fi sab- lammilee biyya kanaa jibbuutti kan lakkaa’amaa turee fi yoo aangoo biyya kana

geggeessuu argate biyya kana kan diiguudha jedhamee waan hamatamaa tureef, garaa jaalalaa qabaachuun oduu moortuu soba ta’ee akka hafu gochuun faayidaa guddaa qaba. Inni jalqabaa, Oromoon sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa jaalalaan yoo ofitti qabe, biyya kanarraa eenyuun caalaa fayyadamaa ta’a. Kanarraa kan hafe saboota biraa ofirraa dhiibaa yoo deema ta’e, gama hundaan nagaa dhabuu isaarraan kan ka’e xiyyeeffannoon isaa gama dinagdee osoo hin taane, nageenya isaa qofa eegsifachuuf akka carraaqu waan taasisuuf hiyyummaan kaleessa jibbinee qabsoofneef sun ammallee hundee ishee gadi fageeffattee nutti hafti jechuu dha. Faayidaa Uummatni Oromoo, yoo saboo taa fi sab-lammoota biyya kanaa ofitti qabe argatu keessaa inni biraan, nagaan biyya kana keessa akka jiraatu taasisa. Oromoon saba biraa kan ofitti hin qabne yoo ta’e, sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa, Oromoo amanuu caalaa soda biraa keessa galuun akkaataa kamiin Oromoon akka kufu mala dhahuu eegalu. Diinnimmoo xiqqoo hin qabdu, Kanas hubannaadhaan ilaaluu qabna. Akkuma argaa jirru bakkeewwan tokko tokko keessatti, ofuma keenyaayyuu yeroo itti seera cabsinutu mul’ata. Yeroo akkas ta’u ammoo diina silaa nu balleessuuf dhaadatuuf karaa banaa deemna jechuu dha. Fakkeenyaaf rakkoon nageenyaa Naannoo Somaalee Itiyoophiyaatti dhaga’aa jirruu fi argaa jirru irra caalaan isaa, tasgabbiin Oromiyaa keessaa dhabamuu isaa dawoo godhachuun kan raawwatamuu fi harcaatota fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuuf tattaafatanitti maayii bahuudhaan akka ta’e shakkii tokko hin qabnu. Sababnisaa jijjiiramni amma biyya kana keessatti dhufaa jiru kun nama hundumaaf ta’a jennee akkuma hin yaadne, namoonni jijjiirama akkasii kana hin feenes Oromiyaa keessallee akka jiran haalotni tokko tokko nutti mul’isaa jiru. Rakkooleen nageenyaa kun akkuma kanatti kan itti fufu yoo ta’ee fi seerdhabeessummaan babal’achaa yoo deeme, balaa hamaa Kanaan dura keessa turre kan caaluuf saaxilamauuun keenya hin oolu. Seer-dhabeessummaan yeroo babal’atu Mootummaa wajjin walitti bu’uun waan hin oolleedha. Sababnisaa Mootummaan biyya kana nagaa ishee eegsisuuf dirqama waan qabuuf tarkaanfiiwwan barbaachisaa ta’e hundumaa fudhachuuf akka dirqamu beekuun barbaachisaa dha, Kanaafis Fakkeenya kan ta’uu danda’u rakkoo nageenyaa Nannoo Sumaaleetti irra deddeebi’ee ka’aa ture tasgabbeessuuf tarkaanfii mootummaan fudhachaa jiru ilaaluun ni danda’ama. Yeroo ammaa kana rakkoon Naannoo Sumaalee daran hammaataa haa ta’u malee, Naannolee biraa keessas gochaan badii tokko tokko darbee darbee ni mul’ata. Kanaafis Mootummaan akkuma Naannoo Sumaaleetti tarkaanfii fudhachuu eegale, bakkeewwan biroottillee fudhachuuf aangoo akka qabus beekuun barbaachisaa dha. Walumaa galatti, Nageenya amma argachaa jirru kana akka itti dhufe waan beeknuuf

qabaa isaa cimsinee, xiyyeeffannoo keenya gara misoomaa qofaatti deebisuutu nurraa eegama. Xumura irratti nageenya biyya kanaa kan tiksu, qaama nageenyaa qofa akka hin taane, beeknee, dirqama nurraa eegamu ba’annee nutis hanga dandeettii keenyaa nageenya biyya keenyaa tikfachuu qabna. Horaa Bulaa!