Ethiopiaprosperous
Ethiopian News Ethiopian Daily news, Regarding political and social Issues.

Seeraaf qabsoofne, seera kabajuu qabna !

0 593

Get real time updates directly on you device, subscribe now.

Seeraaf qabsoofne, seera kabajuu qabna !

Hiikaa margaa
Iddoowwan gara garaatti, keessumaa qaamoleen tokko tokko maqaa Qeerrootiin yeroo

Seera cabsan ni argina. Wanti akkasii kun ammoo deemee deemee seer-
dhabeessummaa biyya kana keessatti fiduun, gabrummaa isa duraan jibbinee

qabsaa’aa turre sana fiduun isaa waan oolu miti.
Yeroo ammaa kana bakkeewwan tokko tokkotti, qaamoleen gara garaa nuti qeerroodha

jedhanii of waaman, gochaa nageenya booressu, walitti dhufeenya sabaa fi sab-
lammoota biyya kanaa laaffisu, qabeenya namaa saamu fi kkkf irratti akka bobba’aa jiran

dhaga’aa jirra.

An akka kootti kanneen akkasii kun, qeerroo Kanaan dura wal-qixxummaa sabaa fi sab-
lammoota biyya kanaaf qabsaa’aa ture kan bakka bu’an natti hin fakkaatu. Sababnisaa,

Kanaan dura qeerroon kan du’eef, kan qaamni isaa itti miidhameef qabeenya namaa
saamuuf, aadaa fi duudhaa keenya cabsuuf, hojii mankaraaressummaa babal’isuuf osoo
hin taane, biyya kana keessatti SEERRI hojii irra oolaa ture madaalawaa waan hin
taaneef kun sirrachuu qaba jechee qaaama qabsaa’ee dha.
Injifannoon aarsaa qeerrootiin dhufe kun osoo gara biraatti jijjiiramee maqaan
QEERROO keenyaas hin xuraa’in, hundumti keenya ol’aantummaa seeraa
kabachiisuutu nurra jiraata.
Kanaafimmoo miira keessaa ba’uun hojii seeraa qaamni seeraa akka hojjetu gochuun,
deggersi keenya kan barbaachisu yoo ta’e, deggeruun alatti, qaama badii geessise
kamiinuu qaamni an qeerroodha jedhee socho’u kamuu biyya kana tiksuutu irraa
eegama.
Kana hin taane taanaan injifannoon amma aarsaa cimaadhaan harka dinaatii ba’e kun
osoo nuti hin jaalatin deebi’ee nurkaa ba’uudhaan gabrummaa bara baraa keessatti nu
deebisa.
Rakkoon inni kan biraan ammoo, Mootummaanis nageenya biyya kanaa kabachiisuuf
dirqama waan qabuuf, wayita mootummaan tarkaanfii nageenya eegsisuu fudhachuu
jalqabu kan miidhamaa deemu Oromoo mataasaati waan ta’eef of eeggachachaa
deemuun barbaachisaa dha.
Hunda caalaa wanti nuti beekuu qabnu, rakkoo keessoo keenyaa dhiifnee diina keenya
alaa nurratti duulee jiru irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Yeroo ammaa wanti
mul’ataa jiru eenyuun iyyuu haa ta’u malee diinota keenyaa tuffachaa jirra. Kunimmoo
balaa guddaadhaaf nu saaxiluu mala.
Diina keenya jedhamanii warreen farrajaman keessaa isaan Kanaan dura maqaa biyya
geggeessuutiin biyya kana akka malee saamaa turanii fi yeroo ammaa kana qabsoo
qeerrootii fi mootummaa yeroo ammaa kana biyya kana geggeessaan jiruun aangoon
hakaa mulqame halkaniif guyyaa shira adda addaa xaxaa waan jiraniif qorqalbii
dammaqeen ilaaluutu nurra jiraata.
Waraabeyyiin guyyaa kunneen tooftaan isaan ittiin biyya kana burjaajessaa jiran waan
hedduu waan ta’eef gochi kamillee yeroo ammaa kana ija siyaasaatiin ilaalamuu qaba.

Tooftaawwan diigumsaa warri jijjiirama biyya kanaa jibbaa jiran qabatanii ka’an keessaa
inni guddaan qeerroowwan tokko tokko ofitti qabuun maallaqa guddaa irratti
dhangalaasanii, qeerroowwan warra kaan wajjin walitti buusuudhaan nageenyi biyya
akka jeeqamu gochaa jiru. Kunis qabatamaatti iddoowwan tokko tokkotti hojiirra oolaa
kan jiru waan ta’eef gowwummaadhaan nama hundumaa amananii wajjin deemuun
barbaachisaa natti hin fakkaatu.
Burjaajiin kontirobaandistootni biyya kana diiguuf hojjechaa jiran inni kan biraan ammoo
amantaadhaan lammilee biyya kanaa wal lolchiisuudhaan, hawaasa amantaadhaan
Kanaan dura wal-hin qoodin as ga’e walitti buusanii mootummaan nageenya eeguu qofa
irratti akka xiyyeeffatu gochuun dinagdeen akka irraanfatamu gochaa jiru.

Inni kan biraan qeerroon keenya beekuu qabu keessaa inni ijoo ta’e, sabaa fi sab-
lammoota Oromiyaa keessa jiran kana walitti buusuun jijjjiirama amma argame kana

cilee dibuudhaaf kanneen socho’aa jiran akka harkatti fashalaa’u gchuun barbaachisaa
dha.
Walumaa galatti, jaalannus jibbinus biyya kana kan geggeessaa jiru Oromoo dha waan
ta’eef akka geggeessaa tokkootti wanti nurraa eegamu waan hedduu dha.
Nageenya biyya kana eenyuun iyyuu caalaa kan eeguu qabu qeerroo dha. Qeerroon
nageenya biyya kanaa hin eegne taanaan qaamni silumaa qeerroo kana akka diinaatti
ilaalaa ture, qeerrodhuma kana fayyadamuun nageenya keenya booressee qeerroos
galata dhabsiisee, biyyas gara diigumsaatti fiduu danda’a.
seera kabajanii kabachisiisuun xiyyeeffannoo qeerroo keenyaa ta’uutu irra jiraata.
Kanaaf yeroo ammaa kana wanti guddaan nuti gochuu qabnu keessaa tokko mirqaanaa
keessaa baanee, miira keenya to’annee carraa amma arganne kanatti
fayyadamuudhaan gaaffii misoomaa duraan gaafachaa turre sana mootummaa wajjin
akka nuuf deebi’uuf waliin hojjechuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu qaba.
xumura irratti kana booda gaaffiin deebi’us ta’e gaafatamu karaa seera qabeessa qofa
akka ta’uuf hojjechuun dirqama hunda keenyaati.

Leave A Reply

Your email address will not be published.

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

This website uses cookies to improve your experience. We'll assume you're ok with this, but you can opt-out if you wish. Accept Read More

Privacy & Cookies Policy