AFAAN OROMOO

Seeraaf qabsoofne, seera kabajuu qabna !

By Admin

August 20, 2018

Seeraaf qabsoofne, seera kabajuu qabna !

Hiikaa margaa Iddoowwan gara garaatti, keessumaa qaamoleen tokko tokko maqaa Qeerrootiin yeroo

Seera cabsan ni argina. Wanti akkasii kun ammoo deemee deemee seer- dhabeessummaa biyya kana keessatti fiduun, gabrummaa isa duraan jibbinee

qabsaa’aa turre sana fiduun isaa waan oolu miti. Yeroo ammaa kana bakkeewwan tokko tokkotti, qaamoleen gara garaa nuti qeerroodha

jedhanii of waaman, gochaa nageenya booressu, walitti dhufeenya sabaa fi sab- lammoota biyya kanaa laaffisu, qabeenya namaa saamu fi kkkf irratti akka bobba’aa jiran

dhaga’aa jirra.

An akka kootti kanneen akkasii kun, qeerroo Kanaan dura wal-qixxummaa sabaa fi sab- lammoota biyya kanaaf qabsaa’aa ture kan bakka bu’an natti hin fakkaatu. Sababnisaa,

Kanaan dura qeerroon kan du’eef, kan qaamni isaa itti miidhameef qabeenya namaa saamuuf, aadaa fi duudhaa keenya cabsuuf, hojii mankaraaressummaa babal’isuuf osoo hin taane, biyya kana keessatti SEERRI hojii irra oolaa ture madaalawaa waan hin taaneef kun sirrachuu qaba jechee qaaama qabsaa’ee dha. Injifannoon aarsaa qeerrootiin dhufe kun osoo gara biraatti jijjiiramee maqaan QEERROO keenyaas hin xuraa’in, hundumti keenya ol’aantummaa seeraa kabachiisuutu nurra jiraata. Kanaafimmoo miira keessaa ba’uun hojii seeraa qaamni seeraa akka hojjetu gochuun, deggersi keenya kan barbaachisu yoo ta’e, deggeruun alatti, qaama badii geessise kamiinuu qaamni an qeerroodha jedhee socho’u kamuu biyya kana tiksuutu irraa eegama. Kana hin taane taanaan injifannoon amma aarsaa cimaadhaan harka dinaatii ba’e kun osoo nuti hin jaalatin deebi’ee nurkaa ba’uudhaan gabrummaa bara baraa keessatti nu deebisa. Rakkoon inni kan biraan ammoo, Mootummaanis nageenya biyya kanaa kabachiisuuf dirqama waan qabuuf, wayita mootummaan tarkaanfii nageenya eegsisuu fudhachuu jalqabu kan miidhamaa deemu Oromoo mataasaati waan ta’eef of eeggachachaa deemuun barbaachisaa dha. Hunda caalaa wanti nuti beekuu qabnu, rakkoo keessoo keenyaa dhiifnee diina keenya alaa nurratti duulee jiru irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. Yeroo ammaa wanti mul’ataa jiru eenyuun iyyuu haa ta’u malee diinota keenyaa tuffachaa jirra. Kunimmoo balaa guddaadhaaf nu saaxiluu mala. Diina keenya jedhamanii warreen farrajaman keessaa isaan Kanaan dura maqaa biyya geggeessuutiin biyya kana akka malee saamaa turanii fi yeroo ammaa kana qabsoo qeerrootii fi mootummaa yeroo ammaa kana biyya kana geggeessaan jiruun aangoon hakaa mulqame halkaniif guyyaa shira adda addaa xaxaa waan jiraniif qorqalbii dammaqeen ilaaluutu nurra jiraata. Waraabeyyiin guyyaa kunneen tooftaan isaan ittiin biyya kana burjaajessaa jiran waan hedduu waan ta’eef gochi kamillee yeroo ammaa kana ija siyaasaatiin ilaalamuu qaba.

Tooftaawwan diigumsaa warri jijjiirama biyya kanaa jibbaa jiran qabatanii ka’an keessaa inni guddaan qeerroowwan tokko tokko ofitti qabuun maallaqa guddaa irratti dhangalaasanii, qeerroowwan warra kaan wajjin walitti buusuudhaan nageenyi biyya akka jeeqamu gochaa jiru. Kunis qabatamaatti iddoowwan tokko tokkotti hojiirra oolaa kan jiru waan ta’eef gowwummaadhaan nama hundumaa amananii wajjin deemuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Burjaajiin kontirobaandistootni biyya kana diiguuf hojjechaa jiran inni kan biraan ammoo amantaadhaan lammilee biyya kanaa wal lolchiisuudhaan, hawaasa amantaadhaan Kanaan dura wal-hin qoodin as ga’e walitti buusanii mootummaan nageenya eeguu qofa irratti akka xiyyeeffatu gochuun dinagdeen akka irraanfatamu gochaa jiru.

Inni kan biraan qeerroon keenya beekuu qabu keessaa inni ijoo ta’e, sabaa fi sab- lammoota Oromiyaa keessa jiran kana walitti buusuun jijjjiirama amma argame kana

cilee dibuudhaaf kanneen socho’aa jiran akka harkatti fashalaa’u gchuun barbaachisaa dha. Walumaa galatti, jaalannus jibbinus biyya kana kan geggeessaa jiru Oromoo dha waan ta’eef akka geggeessaa tokkootti wanti nurraa eegamu waan hedduu dha. Nageenya biyya kana eenyuun iyyuu caalaa kan eeguu qabu qeerroo dha. Qeerroon nageenya biyya kanaa hin eegne taanaan qaamni silumaa qeerroo kana akka diinaatti ilaalaa ture, qeerrodhuma kana fayyadamuun nageenya keenya booressee qeerroos galata dhabsiisee, biyyas gara diigumsaatti fiduu danda’a. seera kabajanii kabachisiisuun xiyyeeffannoo qeerroo keenyaa ta’uutu irra jiraata. Kanaaf yeroo ammaa kana wanti guddaan nuti gochuu qabnu keessaa tokko mirqaanaa keessaa baanee, miira keenya to’annee carraa amma arganne kanatti fayyadamuudhaan gaaffii misoomaa duraan gaafachaa turre sana mootummaa wajjin akka nuuf deebi’uuf waliin hojjechuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu qaba. xumura irratti kana booda gaaffiin deebi’us ta’e gaafatamu karaa seera qabeessa qofa akka ta’uuf hojjechuun dirqama hunda keenyaati.