Koreen Giddugaleessaa DhDUO Qophii Yaa’ii Dhaabbatummaa 9ffaa Irratti Mari’achaa Jira

564
Koreen giddugaleessaa DhDUO ajandaawwan gurguddoo qophii yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa irratti mari’achaa jira.

- Advertisement -

 
Korichi waltajjii gaggeessaa jiru kanaan yaa’ii dhaabbattummaa 9ffaa milkeessuuf hojiiwwan haal duree yaa’ichaa gurguddoo hojjetaman irratti ni mari’ata.
 
Dabalataan gabaasa yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa DhDUO, baajata bara hojii 2011 fi haala yeroo irrattis mari’atee kallattii ni ka’aa jedhameet eegama.
 
Akka Waajjirri DhDUO fuula Feesbuukii isaatin beeksisetti marichaan, sadarkaan qabsoon paartichaa irra ga’e ni gamaaggamama.
 
Sadarkaa qabsoo paartichi irra ga’eenis ijjiiramoota taasifaman ilaalchisee yaadota murtii irratti ni mari’atama.
 
Wixinee yaadota kanneenii fi kanneen biroorratti dhiyaatu irratti mari’atee yaadaan gabbisudhan sirreeffamoota taasifamuu qaban irratti kallattii akka kaa’utu eegama.

Comments are closed.