Atleetiin Keeniyaa Pool Kooch Boqate

696
Atleetiin Keeniyaa Pool Kooch umriisaa waggaa 49ffaatti du’aan boqate.

- Advertisement -

 
Pool Kooch atleetiksii traakii fi qaxxaamura biyyaatin beekamaa ture.
 
Atleetichi har’a ganama dhukkuba yeroo muraasatiin booda umriisaa 49ffaatti boqateera.
 
Bara Faranjootaa 1998 shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonaa mo’ateera.
 
Amma du’a isaatti Raayyaa Ittisaa keessatti ajajaa ta’uun tajajaileera.
 
Dorgommii traakidhaan bara Faranjootaa 1995 taba guutuu Afrikaa meetira kuma 10n maaldaa, bara 1996 ammoo meetira kuma 5n Yoondeetti dorgommii Afrikaa 1ffaa ba’uudhan injifateera.
 
Bara Faranjootaa 1997 meetira kuma 5n sa’aa fooyya’aa 12:56.29 galmeessiseera.
 
Dorgommii kana atleet kumalaa Haylee G/sillaasetu 12:41.86 injifate.
 
Meetira kuma 10n ammoo 26:36.36 xumuruudhan sa’aa fooyya’aa galmeessiseera.
 
Dorgommii qaxxaamura biyyaatin ammoo si’a 3 bara Faranjootaa 1997 amma 1999tti shaampiyoonaa biyyoolessaa ta’eera.
 
Si’a 6 dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaarratti Keeniyaa bakka bu’ee dorgomeera.
 
Dorgommiiwwan kanneenirrattis hojii gareedhan hojjetameen meedaaliyaa warqee 6, dhuunfadhaan ammoo bara Faranjootaa 1998 meetii argamsiisera.
 
Dorgommii atleetiksii daandirraatin, bara Faranjootaa 1998 shaampiyoonaa maaraatoona walakkaa ta’uun warqee argamsiisera.
 
Maaraatoona Chiikaagootti bara Faranjootaa 2003 gaggeeffamerratti 2ffaa ba’eera.

Comments are closed.