Mirga walii kabajuun nageenya har’aatifis ta’e waliin jireenya egereetif murteessadha -ABO

744

Mirga walii kabajuun nageenya har’aatifis ta’e waliin jireenya egereetif murteessadha -ABO

- Advertisement -

Finfinnee, Fulbaana 4,2011 (FBC)-Mirga walii kabajuun nageenya har’aatifis ta’e waliin jireenya egereetif murteessadha jedhe Addi Bilisummaa Oromoo.

Qophii simannaa hoggansa Adda Bilisummaa Oromootin wal qabatee haalli magaalaa Finfinnee bakka tokko tokko keessatti mul’achaa jiru gaddisiisaa fi qaanfachiisadha jedheera addichi.

Dhiyeenya dhaabbileen siyaasaa adda addaa waamicha mootummaan dhiyeesseef fudhachuudhan karaa nagaa qabsaawudhaaf biyyatti galaa akka turan beekamaadha kan jedhe ABOn, qeerroo fi ummanni bal’aan Oromoo yammuu deeggartoonnii fi miseensonni dhaabota kanneenii alaabaa fi asxaa dhaabbilee isaanii qabatanii deeggarsa isaanii muul’isan gaaffis ta’e mormii ykn dura dhaabbannoo tokko illee akka hin agarsiisne eerera.

Kana gochuun mirga isaanii ta’uu amanuudhan mormii fi dura dhaabbannoo tokko malee callisaa fi naamusaan daaw’achaa tureera jedheera.

Jijjiiramni siyaasaa qabsoo hadhaawaa fi wareegama qaalidhaan dhiyeenya Ityoophiyaatti mul’achuu jalqabes mirga namuu ilaalcha siyaasaa itti amane deeggaruu fi tarkaanfachiisuuf qabu kan jajjabeessu malee kan ugguru miti.

Jijjiirama kana argamsiisuu keessatti qabsoon hadhaawaa barootaa fi wareegamni kaffalamuu ibseera.

Ummanni Oromoo dhaaba siyaasaa barbaade deggaruu, alaabaa fi asxaa jaalate maxxanfachuuf mirga akka waan hin qabneetti hubachuun dogoggora guddaadhas jedheera.

Ummanni Oromoo alaabaa Adda Bilisummaa Oromoo qabatee simannaaf ba’uuf mirga guutuu qaba kan jedhe addichi ibsa isaatin, sochii ummata nagaa fi naamusaan ba’e danquu fi jeequmsa hin barbaachisne uumuuf tattaaffachuun hojii qaanfachiisaa fi badii guddaa akka ta’e eerera.

Gochaa akkanaa kanas mootummaa, ummannii fi jaarmiyaaleen siyaasaa dura dhaabbachuun ittisuu qabu jedheera.

Qeerroo fi ummanni adeemsa dogoggoraa; badii namoonnii fi qaamonni kamuu beekaas haa ta’u wallaalan godhan kanaan jarjaranii aarii fi miira hin barbaachisne keessa seenudhaan gara tarkaanfitti seenuu irraa of qusatanii obsaa fi bilchinaan haala mudatu kamuu keessatti mirga isaanii kabajsiifachuuf naamusa ol’aanaadhaan akka sosso’an ABOn jabeessee dhaama jedheera.

Qaamotni mootummaa kan caasaa fi sadarkaa hundaatis mirga lammiilee hundaa wal qixa kabachiisudhaan adeemsi jijjiiramaa kan gara dimokiraasii dhugaatti eegalame humna kamiinuu akka hin gufanne ittisuuf itti gaafatama isaanii akka ba’atan ni abdanna jedheera.

Maddi; ONN

Comments are closed.