Yaa’ii seena qabeessa taateewwan seena qabeessaan dabaalame

527

Dudhaan demokraasummaa sirna Gadaa yaa’ii knarratti ifeera. Giddu-galeessummaan qabsoo Oromoo kanaan booda fedhii fi faayidaa ummatichaa mirkaneessuu qofa waan ta’eef, humna haaraa, ilaalcha tarkaanfataa qabu, yaadee, yaada isaa tarkaanfachiisee moo’uu danda’u, dhaadatee osoo hin taane raawwatee lammii isaa boonsuuf gahumsa qabu filachuurratti xiyyeeffateera. Maal naan jedhuudhaan osoo hin daangeeffamiin bakka filannoon namootaa boqonnaa qabsoo irra gahameen wal-hin ginnetti mormiin demokraasummaa keessoo paarichaa mirkaneessu mul’ateera.
– Gadaan duudhaa karaa demokraatawaa ta’een bakka wal-bu’uu nu barsiise. Kaleessa filmaanni qabsoo Oromoo hidhannoo wayita turetti kumaatamoota wareegaman keessaa lubbuun hafanii qabsoo paartii kanaa asiin gahuu keessatti gumaacha seenaan hin dadaganne warri taasisan, ijoollee isaanitiin boqadhaa isin gaha jedhamanii kabajaan gaggeeffamuun kan gaggeeffamaniif ulfina guddaa, kan gaggeessaniif guddummaadha. Yaa’iin keenya taatee kanas keessummeesseera.
-Waan waliin dhaban malee waan irratti waldhaban kan hin qabne Ijoolleen Oromoo wal-gaarreeffannaa fi gamaa fi gamana dhaabatanii wal-abaaruu keessaa bahuun wal-faallaa dhaabbachuu mannaa wal-cinaa dhaabachuutu nu fayyada jechuun yaa’ii kanarratti yaada wal-deeggarsaa waliif dhaamaniiru. Taateen kunis seena qabeessummaa yaa’ii keenyaa mirkaneessa.

– Maqeeffamaa fi ibsamni aadaa siyaasaa kaleessaa keessatti uumame har’a sadarkaa qabsoon paartichaa irra gahe,duudhaa, fedhii fi yaad-sammuu ummatichaa waliin kan hin deemne ta’uu hubachuun, maqeeffama, asxaa fi faaruu haaraan boqonnaa qabsoo haaraa eegaluun murtoo sirrii dha. Yaa’iin kunis, bu’aa bahii qabsoo cimaan booda aadaan siyaasaa biyya kanaa jijjiiramuu irraa jalqabee injifannoowwan gurguddoon wayita galmaa’anitti, gaggeeffame kunis, yaada murtii maqeeffamaa, asxaa fi faaruu haaraa dhiyaate mirkaneessuun ODP humna hoggansa, tarsiimoo qabsoo, maqeeffama, asxaa fi faaruu haaraa mo’annaa fi injifannoo qabsoo Oromoo dhaahdessuun qabsoo haaraa akka jelqabu murtoon dabarse taatee seenaa qabeessa yaa’ichaati.

- Advertisement -

Comments are closed.