Kaabineen Finfinnee waliigalteen lafa liizii karee meetra miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 ol akka adda citu murteesse

750

Kaabineen Finfinnee waliigalteen lafa liizii karee meetra miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 ol akka adda citu murteesse

- Advertisement -

Magaalaan Finfinnee waliigalteen lafa liizii karee meetra miiliyoona 4 fi kuma dhibba 1 ol adda citee tajaajila ummataatif akka deebi’u murteesse.

 

Itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman akka beeksisanitti, lafti kaareee meetraan 4,126,423.83 iddoowwan 154 irratti argaman waliigalteen liizii isaanii adda citee akka deebi’an kaabineen magaalichaa murteessera. Iddoowwan 154 keessaa 11 mootummaa federaalatiin kan qabamani dha.

 

Lafa akka deebi’u murtaa’e keessaa iddoon 95 kan abbootii qabeenyaa dhuunfaa (kaaree meetra 456,428.00), kan waajjiraalee mootummaa iddoo 19 (karee meetra 127,140.93), kan babal’isuu Hoteela Sharaatanii fi Miidrook iddoo 11(karee meetra 549,241.00), kan dhaabbilee diippiloomaasii iddoo 18 (karee meetra 250,413.89), kan dhaabbilee federaalaa fi teelee koominikeeshinii 11 (karee meetra 2,743,200.00).

 

Lafti kun bara 1997 kaasee hamma 2004tti kan dabarfame yammuu ta’u hamma hammaatti misoomni kamuu irratti hinraawwatamne.

 

Qaama lafa fudhatee hin misoomsinerratti hordoffiin akka taasifamuu fi tarkaanfii barbaachisaan kan fudhatamu ta’uu Injiinar Taakkalaa Uumaa beeksisaniiru.

Comments are closed.