Finfinneen bara barnootaa kanaa eegalee afaan Oromoo fi afaan Amaaratiin barsiisufi

1,134

Sep 24, 2018

 

- Advertisement -

Manneen barnootaa magaalaa Finfinnee bara barnootaa 2011 kaasee fedhiirratti hundaa’udhaan afaan Oromoo fi afaan Amaaratiin barsiisufi.

 Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Taaboor G/madin akka beeksisanitti, mana barnootaa tokko keessatti afaan Amaaratiin barataan barachuu barbaadu afaan Amaaratiin, barataan afaan Oromootin barachuu barbaadu ammoo afaan Oromootin barachuu danda’a jedhan.

Kunis barattoonni manneen barnootaa barbaacha fagaatanii akka hin deemne, barattoonni afaan barbaadanii akka baratanii fi barnoonni qaqqabamaa akka ta’u taasisa jedhaniiru Dooktar Taaboor.

 Manneen barnootaa afaan Oromootin barsiisaa turanis afaan Amaaratiin ni barsiisu.

 Manneen barnootaa afaan Amaaraa qofaan barsiisaa turanis afaan Oromootin ni barsiisu.

 Carraan kunis barattoonni afaan, aadaa fi muuxannoo akka qooddatan gargaara.

 Hojii baruu barsiisuu kanaafis barsiisonni kan mindeeffaman yammuu ta’u, barattoonnis fedhii isaanitiin manneen barnootaa isaanitti dhiyaatanitti akka galmaa’an waamichi taasifameera.

 

Comments are closed.