Ergaa baga nagayaan geessanii Kabajamoo Dr Abiy Ahmad

2,676

Ministra Muummee Mootummaa Feederaalawaa Dimokraatawa Ripabilika Itiyoophiyaa ayyaana Irreechaa sabeeffachuudhaan dabarsan
Duudhaa sirna Gadaatiin Oromummaa Biyyaan faayoomsina Irreechi Jaalalaaf Tokkummaaf
Kabajamaa ummata Oromoo, hunda dura baga guyyaa jaalalaafii kabajaa ulfinni sabummaafi namummaa, qulqullummaafii aantummaa itti calaqqisu kanaan si gahe, nu gahe Irreechi Duudhaan dhaloota Oromummaa Gadaan biqile guyyaa nageenya itti labsatee, dhaloota isaa qe’ee eeguun sirna tumatee gootummaa isaan
fakkeeffatu Oromummaadhaaf guyyaa addaati.

- Advertisement -

Uumaa kabajaa uumama galateeffata, dukkana barii egeree itti tolfatuuf kabaja galcha, Uumama isaatu jaalala, hawwii isaatu nageenya, egeree isaatu badhaadhina,
duudhaa isaatu wajjin jireenya, latiinsa isaatu hidda bal’ifatee dhalasaa koochoo jaalalaa uwwisa, caayaa isaatu odaadhaa kan isaa walitti fidee afaan tokko dubbachiisee, yaaddoo jaalalaa firooma habbuu qqachiisee mijuu eebbisee, jiidha qabatee faana jiidhaa na tolchii eebbifata.

Gulantaawwan Gadaa kurnan Daa’imaa hamma Yuubaa/Gadamoojjii Oromoon ittiin bulu sirna dimokiraasii ammayyaaf bu’uraa keessatti xiqqaan guddaa kabajee guddaarraa itti baratu, guddaan xiqqaa ga’oomsee akka itti sirna ittifufsisu caaseeffama bulchiinsa ammayyaa
angoo ittiin walii dabarsuun gamatti duudhaa aadaa uumaa itti galateeffatuuf Irreecha irree godhatee irreeffata.

Irreechi baranaa ammo kan tokkummaan wal jaalalaafii wal qixxummaa wareegama qabsoo Kichuuwwan Oromootiin argameen tokkooma sabboonummaa jaalalaan
biyya itti bulchinuufii muuxannoo sirna gadaa ittiin qooddannuun kan cululuqu ta’uun isaa gammachuu keenya dachaa godha.

Oromoon Utubaa biyyaati yoo jennu Gadaatu tartiiba bulchiinsaa nu barsiise,Oromoon Bu’ura sirna dimokiraasii ammayyaati yoo jennu saddeet saddeettamaatu Malbaa hamma Michillee qoodinsa aangoo nu dhaalchise, Oromoon madda nageenyaati yoo jennu walharkaa fuudhiinsa baalliitu eenyummaa keenya himee hirmaachisummaa Odaawwan shananii gaaddisa jala teenyee haqaaf murtee haqaa dabarsiniitu seenaan
akka odeessu taasisa.

Gaafa nuti tokkoomuu dhabnee duudhaa keenya
ganne lafti irree eebbifamaa lafa hamii goonee wal qoqqoonnee badiif wal kennine, qabsoo dhiigaan dhufteef kabajaa kennu dhabuu ta’a. kanaafuu tokkummaa keenya eeggachuun icitii injifannoo keenyaa ta’ee itti fufuu
qaba.

Tokkoomuufi tokkummaa yoo jennu ammo isa akka Faranjiin “unity without uniformity and diversity without fragmentation’ jettu san jechuu keenya. walii gallee alaa gallee uumaan uumaa yoo kadhannuu, uumaan badhaanee eebbaan egeree tolfannee dhimma waliiniirratti otoo wal hin qoqqoodin waliin yaa qabsoofnuufi. Oromoon garaa qulqulluun waaqa kadhatee kan kufe kaasa, abaaru jiidhaa goggogsa, jibba caalaa jaalala filata, Imalli isaa jarjara hin qabdu suuta, hammeenya caalaa tola
durfata, waldhabdeef mariif marabbaa filata, har’a qabsoon keenyaas qabsoo waliin taanee walii taanee wal utubnurra geessee jirti.

Irreechi jaalalaa baranaas carraa tokkummaa keenya duudhaa aadaa keenyaan faayoomnee dhaamsa abbootii Gadaa qalbiin itti dhaggeeffannu nuuf ta’a jennee abdanna. Sababni isaa Qabsoon ummata Oromoo
wareegama guddaadhaan boqonnaa injifannoo haaraa kanarra gahe kun injifannoo amma irra geenye kana akka sabaatti lakkoofnee beekuu, akka sabaatti irratti waliigaluun kunuunfachuu, tokkummaa Oromoo cimsuun
injifannoo caalmaatti cee’uuf qophaa’uun biiftuun sabaa biyyaaf ifuu eegalte akka sibiilaa akka jabaatuu fi itittu godhuuf Oromoo hunda irraa dirqama seenaatu jira waan ta’eefi .

Jijjiiramni aadaa siyaasaa keenya keessatti injifannoo gurguddaa galmeessaa jirru keessaa hiika guddaa qabu garaagaruummaa ilaalcha siyaasaatiin waljibbuu, wal balaaleffachu fi wal ajjeessuu awwaale irreecha keenya baranaa waltajjii wal eebbisuu nuuf taasisa jennet
abdanna. Sababni isaa siyaasa keesatti garaagarummaa yaadaatiin waljibbuu, walbalaaleffachuu fi qawwee walirratti kaasuun wal ajjeesuuf deemuun diinni jaarraa tokkoo oliif nurratti fe’ee garaagarummaa keenyatti fayyadamuun waliin nu dhahee nu cabsaa ture guddaa taanee osoo jirruu xiqqaanne. Beekkumsa osoo qabnuu wallaalle.

Gootummaa ajaa’ibsiisaa osoo qabnuu luyinoomne. Qabeenya osoo qabnuu saamamnee deegne. Jalqabbiin har’aa cubbuu waggaa dhibbaa olii seenaa taasisaa jiru kun yaada moo’ataan waan hunda irra aannee tokkuummaa Oromoo cimsuu, nageenya, ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, sirna federaalzimi, dimookraasii babal’isuu fi dhimmota kkf irratti Oromoo hunda biratti walii
galteen uumamuu danda’uudha qaba. Har’a Oromoon Oromoo waraanuun hin danda’amu, miila lamaan qabaaf altokkotti bakka lama ejjachuuniis aduun itti dhiittee jirti,
Humni ol’aantummaa isaa deeffachuu barbaaduus ta’ee akka saree maraattee qe’ee jeeqaa mukaa citaan walitti bu’aa Nageenya, tokkummaa Oromoo, badhaadhinaa fi jabaachuu saba keenyaa jibbu lamuu qaawwa hin argatu Nageenyi keenya barruu harka keenya keessa jira.

nageenya keenya eeggachaa duudhaa keenya cimsachaa duudhaa keenyaan biyya yaa ijaarru, yaada moo’ataan shira yaa moo’annuu irree keenya nageenyaa irreecharratti agarsiifannee addunyaaf fakkeenya yaa taanu Xumura irratti Bacaqii gannaa baanee eebba fuula birraa kan hojii caaluuf waadaa keenya itti haaroomsannu, jaalalaan hammannee jibba kan itti moo’annu nuuf yaa ta’u. Waaqayyo Itoophiyaa fi lammiiwwan ishee baay’isee yaa eebbisu!!!

Itiyoophiyaan tattaaffii ijoollee isheetiin sodaatamtee fi
kabajamtee yaa jiraattu!!
Galatoomaa!

Comments are closed.