Manneen maree lamaan mootummaa feedaraalwaa waltajjii waliinii gaggeessan

610

Oct 8, 2018

- Advertisement -

Manni Maree Federeeshinii fi Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a waaree booda sirna baniinsa waliinii gaggeessanii jiru. Manneen maree lamaan marsaa paarlaamaa 5ffaa, yeroo hojii waggaa 4ffaa, yaa’ii idilee 1ffaadhani har’a; Fulbaana 28,2011 kan walga’an.

Manneen maree lamaan preezdaantiin mootummaa FDRI Dooktar Mulaatuu Tashoomaan haasadhaan kan banan yammuu ta’u, xiyyeeffannaawwan mootummaa bara haaraarratti ergaa dabarsaa jiru.

Preezdaantichi haasawa isaanitiin,barri darbe bara biyyi teenya jijjiirama bu’uuraa keessa galteedha jedhaniiru.

Dhaabbileen ija ummataa ta’an dadhabuun,Yeroo biyyattiin qaxxaamura irra turtetti jijjiiramni waaraan hunda galeessa ta’e dhufee jira.

Paartin biyya bulchaa jiru gamaaggama taasisuun rakkoowwan adda baasuun hoggansi haaraan gara aangotti dhufuu danda’eera.

Hoggansii haaraan kunis gaaffii ummataa deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa kutannoon kan hojjeteedha.

Dirree siyaasaa bal’isuunis hojiin hanga yoonaatti raawwatameen bu’aawwan fayyadamummaa ummataa mirkaneessan galmaa’aniiru.

Gama dippilomaasinis biyyoota ollaa dabalatee hojii hojjetameen waldhabbeen Ityoophiyaa fi Eertiraa gidduutti ganna 20 deemaa ture xumura argatee jira.

Sirna ijaarsa dimokiraasii biyya keenyaa keessatti lammiilen Ityoophiyaa ala jiran akka hirmaataniif mariiwwan gaggeeffamaniiru.

Yeroo dhiyoo asitti rakkoo seermaleessummaa mul’ateen lubbuun namaa darbee jira, lammiilen qa’ee isaanirraa buqqa’aniiru, qabeenyis barbadaa’era.
Biyyi olaantummaa seeraa hin eegasifamni dhumni isaa wal balleessudha.

Kanaaf ammoo dhaabbilee dimokiraasii cimsuun dhimma filannoo hin qabne waan ta’eef, labsiiwwan garaa garaa fooyyeessuu fi cimsuun ni hojjetama.

Ummata biyya keenyaa keessaa dhibbeentaan 65 dargaggoota waan ta’aniif mootummaan rakkoo hoji dhabdummaa hambisuuf yeroo kamiiyyuu caalaa ni hojjeta.

Sassaabbii taaksii fi galii akkasumas baasii irratti xiyyeeffannoon addaa ni kennama.

Damee dhuunfaa guddisuuf imaammatootni seeronni kan fooyya’anii fi daldala alaa biyyattii fooyyeessuuf tarkaanfiwwan garaa garaa ni fudhatamu.

Liqiin mootummaa humnaa ol akka hin guddannee fi hojii kalaqaa fi teeknooloojif xiyyeeffannoon addaa ni kennama.

Daldalli naannoo daangaa seera qabeessa akka ta’uuf biyyoota alaa waliin marii taasisuun mootummaan gahee isaa ni bahata.

Sirna qonnaa haaraa dhiyeessun oomishtummaa qonnaa fooyyeessuuf ni hojjetama.

Itti fayyadama teeknooloojii guddisuu,misooma jallisii babal’isuufi dhiyeessi galtee qonnaa dabaluuf ni hojjetama.

Imaammanni kanaan walgitus kalaqamuun hojiirra ni oola.

Sirni dimokiraasii akka dagaaguf karaa nageenyaa qofa irra imaluun murteessadha.

Walitti bu’iinsa, buqqaatiifi barbadaa’uu qabeenyaa hambisuuf ariitin hojjetamuu qaba.

Tokkummaan biyya keenyaa baroota dheeraf kan turee yoo ta’u agarsiistun kanaa abbootin Gaamoo gochi raawwatan gahaadha.

Lammiilenis nageenya fi olaantummaa seeraf waliin dhaabbachuu qabu.

Comments are closed.