Lafa Meedrook waggoottan dheeraf dalleessun teechise irraatti tarkaanfin fudhatamuu eegalame

721

Lafa Meedrook waggoottan dheeraf dalleessun teechise irraatti tarkaanfin fudhatamuu eegalame

- Advertisement -

On Nov 21, 2018

 

Magaalli Finfinnee lafa maqaa Meedrookin Piyaassatti dalleeffame dabalatee kanneen biroo waggoota dheeraf misooma malee dalleefamanii ta’an irratti har’a tarkaanfii dallaa diigu fudhachu eegale.

 

Meedrook giddu gala gabaa ijaaruf jedhee waggooti 20 dalleessee kan ture lafa naannoo piyaassatti  argamu hoggantootni fi hojjeettootni Waajjira Kabachiisa Danbii fi qaamni hawaasaa garaa garaa bakka argametti  diiguun eegalameera.

 

Bulchiinsi magaalicha,  Meedrookin alattis lafoota biroo osoo hin misoomin dalleeffamanii taa’an dallaa isaanii  diiguu kan itti fufu ta’uu isaas beeksiseera.

 

Bulchiinsi Manaajimantii Lafa Magaala Finfinnee lafoota waggaa dheeraf dalleeffamanii taa’an irraa qabeenya isaanii akka kaafatan torbee dura beeksisee ture.

 

Haa ta’u malee ofiif irraa kaasuu waan hin eegalleef gara tarkaanfitti galame jedhameera.

 

Bulchiinsi magaalichaa qabeenya ummataa faayidaa ummataaf qofa kan oolchufi, olaantummaa seeraa kabachiisuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

 

Comments are closed.