Alaaban Gamtaa Afrikaa Fanifamee, Faarun akka faarfamuuf wixineen labsii qopha’aa jira

1,207

Alaaban Gamtaa Afrikaa Fanifamee, Faarun akka faarfamuuf wixineen labsii qopha’aa jira

- Advertisement -

 

Nov 23,2018

 

Alaaban Gamtaa Afrikaa  Kan Itiyoophiyaa waliin  akka fanifamuu fi faarun Gamtichaa  faaruu  Itiyoophiyaa waliin  dhaabbiin akka faarfamuu gochuuf wixineen labsii qopha’aa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksisee.

Hundeeffama Gamtichaa waggaa 50ffaa Afrikaa Kibbaatti kabajameerratti Alaaban Gamtaa Afrikaa biyyoota miseensa ta’an keessaatti akka fanifamuuf murta’ee ture jedhan dubbi himaan Ministeera Alaa obbo Mallas Alem.

Naamibiyaan ALA bara 1998 hojiirraa oolchun biyya jalqabaa yoo taatu, Afrikaan Kibbaa ammo ALA bara 2015 hojiirraa olchitee jirti jedhan.

 Biyyi keenyaas hundeessituu fi teessoon Gamtaa Afrikaa biyya keenya keessa ta’u isaan  Alaaban Gamtichaa Alaabaa biyyaa keenyaa waliin  fanifamee Faaruun Gamtichaas akka faarfamu gochuun  biyyoota biraaf fakkeenya ta’uu qabdi jedhan.

Obbolaan keenya Afrikaa Itiyoophiyaa akka biyya isaanitti, Finfinnee ammo akka Magaalaa isaanitti akka ilaalaniif hojiiwwaan adda adda hojjetamaa jira jedhan obbo Mallas.

Kanaanis Onkololeessa bara 2011 irraa eegalee lammiilee biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa ta’an maraaf buufata xiyyaa Booleetti tajaajila viisaa akka argatan godhamuu himan.

Walga’ii Gamtaa Afrikaa torbee darbee geggeffameerraatti keesummoonni Afrikaa 100 ol ta’an tajaajila visa kana argachuun himamee jira.

Wixinee labsii qophaa’aa jiruurraatti marii geggeesuun hubannoon kan uumamu ta’uu odeeffannoon Waajjira Ministeera Dhimma Alaarraa arganne ni mul’isa

 

Comments are closed.