Barattoonni yuunvarsiitii tasgabbaa’anii barnoota isaanii hordofuu qabu- obbo Gadduu Aandaargaachaw

1,169

Barattoonni yuunvarsiitii tasgabbaa’anii barnoota isaanii hordofuu qabu- obbo Gadduu Aandaargaachaw

 

- Advertisement -

Nov 22, 2018

Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo tasgabbaa’anii barnoota isaanii akka hordofan preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gadduu Aandaargaachaw dhaaman.

 

Ummannis barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo yoo seenan simatee, rakkoolee mudatan walitti dhiyeenyan hiikuuf waadaan galuudhan, yuunvarsiitotattis baruu barsiisun tasgabbaa’aa turuu kaasaniiru.

 

Haata’uutii barnoonni akka gufatu qaamoleen barbaadan walitti bu’iinsi akka uumamuu fi miidhaan qaamaa fi lubbuu akka qaqqabu taasisaniiru; maatii, firoottanii fi hiriyoottan barattoota miidhamaniif jajjabina hawwinas jedhan.

 

Walitti bu’iinsa Asoosatti mudateen namni miidhameera; kun ammoo fedhii qaamolee siyaasaa qabaniiti jedhan preezdaant Gadduu Aandaargaachaw.

 

Walitti bu’iinsi xiqqoon yoo mudatu walitti bu’iinsa sabaa fi naannoo fakkeessanii gara hin taanetti geeddaruun sirrii mitis jedhan.

 

Badii kan qabu seeran gaafachuun ni danda’ama, kanaaf ammoo ummannis tumsuu qabaan dhaamaniiru.

 

Jijjiirrama eegalameen fedhiin isaa kan jalaa tuqame akkuma jiru, yuunvarsiitonni bakka walitti bu’iinsaa akka hin taane of eeggannaadhan hojjetamuu qabaanis ibsaniiru.

 

Yuunvarsiitonni naannoo Amaaraa keessatti argaman dhaabbilee barnootaa malee bakka walitti bu’iinsaa akka hin taane ni hojjetama jedhan.

 

Humni nageenyaa naannoo fi federaalaa ummata waliin ta’uudhan baruu barsiisuun nagayaan akka gaggeeffamu kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

 

Barattoonnis miiran murtee hin taanerra qaqqabuurra tasgabbaa’anii akka yaadan, naannoo isaanii akka eeggatanii fi waan nama shakkisiisu yoo argan caasaa nageenyaatti akka beeksisan gaafataniiru.

Comments are closed.