MM Dr Abiy Kibxata dhufu paartilee morkattootaa waliin ni mari’atu

925

MM Dr Abiy Kibxata dhufu paartilee morkattootaa waliin ni mari’atu

 

- Advertisement -

Nov 23,2018

 

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Kibxata; Sadaasa 18,2011 hoggansa paartilee morkattootaa waliin ni mari’atu.

 

Adeemsa ijaarsa sirna demokraasii eegalamee fi filannoo bara dhuftu gaggeeffamu ifaa fi bilisa taasisuuf hojiilee riifoormii hojjetamuu qabanirratti ni mari’atama.

 

Marichis galma Waajjira Muummee Ministiraatti kan gaggeeffamu yammuu ta’u, hoggansi paartilee morkattootaa waltajjicharratti akka hirmaatan affeeramaniiru.

 

Marichi paartilee galmaa’anii biyya keessatti socho’aa jiranii fi alaa affeeramanii dhufan ni dabalata jedhameera.

 

Hoggansi waltajjicharratti hirmaachuuf fedhii qabu, maqaa guutuu fi paartii kamirraa akka ta’e eeruun karaa communications@pmo.gov.et hamma Wiixata Sadaasa 17,2011 waaree booda sa’aa 11:00tti galmaa’uu akka qabu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

 

Comments are closed.