ODP tti hin murteessinaa….

4,329

ODP tti hin murteessinaa….

- Advertisement -

Geetaachoo Namoomsaa –

Aanaa Haaruu Limmuu irraa

 

Rakkoo Nageenyaa Naannoo Lixa oromiyaa wajjin wal-qabatee, lubbuun lammilee nagaa, qaamolee nagaa eegsisaniillee akkasumas lammilee nagaan Naannoo Beenishaangul Gumuz miidhaan irra qaqqabaa jira.

Kanumaan wal-qabatee, Hawaasni gara garaa komii qaama biyya bulchaa jiru kana irraa qabu karaa garaa garaa ibsachaa jira.

Komachuun gaarii tahee osoo jiruu, madda rakkoo kanaa osoo hin beekin komachuun madaallii siyaasa keenyaa nu duraa jallisa waan taheef dhugaa jiru qolaa baasanii walitti himanii bakka sirrachaa deemuu qabu sirreessuun barbaachisaa dha.

Maddi rakkoo eessa jennee kan gaafannu yoo tahe, hundeen kahumsa dubbii naannoo daangaa kanaa qaamoleen maqaa Abotiin socho’an geggeessitoota ol’aanoo Naannoo BG irratti ajjeechaa erga raawwatanii eegalee dubbiin naannoo kanatti ka’e osoo hin qabbanaa’in yoona ga’eera. Lubbuun nama hedduu haala suukanneessaa ta’een gama lachuunuu darbeera, lammileen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Kanumaan wal-qabatee barattootni naannoo BG Yuuniversitii osoo deemaa jiranii Aanaa Giddaa Ayyaanaatti konkolaataa irraa buufamanii ajjeefamuun isaaniis aadaa fi duudhaa Oromoo keessatti waan saalfachiisaa dha. Kanarraan kan ka’es warri naannoo BG haaloo ba’uudhaaf meeshaa waraanaaf xiyya qabatanii hanga bakka ganda harqumbee jedhamtuutti dhufuun isaaniif kanumaaf ture.

Dhugaa dubbachuuf lammilee BG fis nama iyyuuftu dhabame malee hamma Oromoon naannoo sanaa miidhamee ol miidhamaa jiraachuu isaanii namuu quba hin qabu.

Egaa kan ta’e ta’ee ODPn ammoo akka qaama biyya kana geggeessuutti rakkoo kana hiikuudhaaf wanti isa mudate maali jennee gaafachuunis barbaachisaa dha.

Ani akka jiraataa Aanaa Haaruu Limmuutti waan baay’ee nama sodaachisu baay’een argaa oola. Innis Naannoo keenya kana humni hidhatee maqaa ABOtiin socho’u baay’eetu jira.

Humni kun yeroo ammaa nuun jiraattota nannoo kanaa balaa irraa oolchuuf osoo hin taane sochiii ODP gufachiisuuf waan socho’u fakkaata.

Qabatamaatti waanan beeku keessaa tokko Miliishaan Aanaa keenyaa meeshaa silaa ittiin diina nurraa dhorku hiikkachiisaa waan jiraniif Miliishaanis qabata jara kanaatiin sodaa tokko malee hiikkachuun koo hoo hinfauu jedhee meeshaa kana warruma nu fixaa jirtu Gumuzitti gurgurachaa jira. Yeroo ammaa kana gatiin meeshaa tokkoo hanga qarshii 40,000tti deemaa jira. Mee ilaalaa ABO akka sababaatti godhatee meeshaa MNO diinaaf dabarsee kan gurguraa jirus miliishaadhuma keenyadha.

Rakkoo inni biraan ammoo yeroo baay’ee Poolisiin oromiyaa hidhannoos ta’e rasaasas hin qabu jennee wawwaachaa oolla, garuu dubbiin akkas miti.

An qabatamaatti waanan beeku tokko yoon dubbadhe namni soba jechuu danda’a garuu murtoo namaa dhiisee waan keessakoo na guggubu barreessuun anaaf dirqama kooti. Innis wayita MNO Meeshaas ta’e rasaasa  poolisoota oromiyaaf akka daangaa eeganiif gadi ergu qaamni an ABO dha jedhu daandii irra dhaabbatee meeshaa fi rasaasa saamaa 0ola. Fakkeenyaaf rasaasni GWB Aanaa Guuteetti saamame e ture MNO tu Ambulaansiidhaan dhoksee  Poolisoota Oromiyaaf ergee ture. Garuu ABOn karaa dhaabbatee rasaasa 5,000 ol saame. Kun ammoo Poolisootni keenya osoo gidiraa fi yaaddoo waraanaa beekanii, osoo iji isaanii ilaaluu uummatni dhumuu irra jedhanii harka duwwaa diina dura akka dhaabbataniif wareegama qaqqaalii akka kaffalaniif isaan saaxilee jira.

Kun hunduu hafeemmoo Makkalaakayaan jara kana lamaan gidduu galee nageenya eegsisuuf yeroo gadi ka’u daandii cufuu fi itti dhukaasuudhaan gufuu itti ta’aa jiru.

Kana hundumaa osoo ija keenyaan ilaalluu osoo garaan nu gubatuu callisuun keenya har’a ykn bor waan kun ni sirrataa laata jenneeti malee ABOn waan gaarii gochaa jira jennee akka hin taane nuuf beekamuu qaba.

Fakkeenyaaf dargaggootni an itti dhiyaadhu gochaa ABO kana sirrii akka hin taane osoo beeknuu yoo dubbanne miidhaan nuuf maatii keenyarra akka qaqqabu waan beeknuuf callifne malee wantichi waan yaaddessaa dha.

Nu qofaayyuu miti Hawaasni naannoo keenyaa hedduun isaanii guungummii guddaa keessa jiru, dhugaa dubbachuuf osoo ABOn dimokiraatawaa ta’ee kan hiriira ABO balaaleffachuu ba’u nuun warra Aanaa Haaruu Limmuutu ba’a ture. Garuu dubbiin deemee deemee ODPtti maxxanfamuun isaa bu’aa siyaasaa argachuuf waan godhame fakkaata malee ODPn yeroo ammaa kana mitii yeroo dubbiin kana caalaa cimaa tureyyuu fuula nurraa gala galchatee hin beeku.

Dhugaa dubbachuuf taanaan rakkoo daangaa Naannoo keenyatti ta’aa jiruuf itti gaafatamummaa isaa ABO tu fudhachuu qaba malee ODPn waan qabu hundaan nu bira dhabbachaa jira. ABOn garuu sanattuu gufuu ta’aa jiru waan ta’eef osoo of ilaalanii gaarii dha.

Mootummaanis rakkoo uumamaa jiru kana furuuf karaa waan dhabeef ammaaf kan miidhamaa jiru hawaasa naannooti malee Mootummaa waan hin taaneef obsa ittiin daba kana ilaallee bira ittiin dabarru hin qabnu. Sababnisaa Mootummaan osoo karaa argatee rakkoo nuti keessa jirru kana daqiiqaa 10tti nurraa furuu akka danda’u abdiin qaba.

Kanaaf an ABO f dhaamuu kanan barbaadu, uummatni keenya akka baraaramu kan barbaadu yoo ta’e gab-jedhee taa’uu dhaan mootummaaf karaa saaquu ykn ammoo guutummaatti uummata lubbuun isaa guyyaa guyyaatti darbaa jiru kana baraaruutu irra jiraata.

Kana hin taane taanaan silas mana teenyee du’uun keenya hin hafne waan ta’eef ABO balaaleffannee nutis hawaasa keenyaaf wareegamuuf qophii ta’uu keenya ibsuun barbaada.

 

Galatoomaa, Hiriyaa keessaniif dhugaa kana qoodaa,

Comments are closed.