Pirezidaantii Itti Aanaan MNO Ob.Shimallis Abdiisaa raawwii hojiiwwan gurguddoo qaama raawwachiiftuu Naannoo Oromiyaa kan bara 2011fi kallattiiwwan gurguddoo bara baajata 2012 Caffeef dhiyeessan.

3,943

Pirezidaantii Itti Aanaan MNO Ob.Shimallis Abdiisaa raawwii hojiiwwan gurguddoo qaama raawwachiiftuu Naannoo Oromiyaa kan bara 2011fi kallattiiwwan gurguddoo bara baajata 2012 Caffeef dhiyeessan.
================
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhiifi faayidaa ummata naannoo keenyaa galmaan ga’uuf hojiilee nagaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera.Wareegama guddaa ummanniifi hooggaansi jijjijramaa keenya kaffaleen qabsoon mirga, haqaafi bilisummaaf gaggeeffamaa ture milkaa’ee imalli jijjiiramaa naannoofi biyya keenya keessatti dhufe abdii ummata keenyaafi sabaaf sablammootaaf ta’eera.

- Advertisement -

Rakkoolee mana jireenyaa hiikuuf waldaa ijaarsa mana jireenyaa 2288 kan miseensota 39,056 qabu keessaa, 36,636 (89%) lafa argachuun hedduun isaanii ijaarsaa jalqabaa jiru. Qorannoo poteenshaala invastimeentii gaggeessuun lafa hekt. kuma 50.3 (%67.7) qopheessuun piroojeektoota filatamoofi bu’aa qabeessa ta’an 27 kaappitaala qar. Bil. 9.6 galmeessisan simachuun lafti hekt. 1.758 akka kennamu taasifamee jira.

Carraa hojii mil. 1.1 uumuuf karoorfame keessaa carraa hojii dhabbii kuma 606.5(%73.5)fi carraa hojii yeroo kuma 386.9 (%100) walumaagalatti hojii barbaddonni kuma 993.3 (%93)f carraa hojii umameera. Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu bara 2010tti %63.8 irra ture dhuma bara kanaatti %69.5tti ol guddisuuf karoorfdamee %66.13 irraan gahuun danda’amee jira.

Misooma jallisii marsaa 1ffaa lafti hek. mil.1.15 misoomuun oomisha jallisii lafa jallisii hek. kuma 918.9 (%80) misoomsuun oomisha kun. Mil. 99.2 ta’u sassaabuun danda’amee jira. Haaluma walfakkaatuun, jallisii marsaa 2ffaa lafa hek.kuma 425 misoomsuun oomisha kun.mil. 23.8 sassaabamee jira. Hojii kunuunsa biyyeefi bishaanii bal’inaan kan hojetame yommuu ta’u, duula biqiltuu mukaa bil.2 ta’u dhaabuudhaaf qophiin xumuramee hojii sosochii uummataa cimsuuf hojjetamaa jiruun hanga ammaatti biqiltuun mukaa mil. 661.8 (39.9%) dhaabamee jira.

Bara kana industiriiwwan 1,494 irratti to’annoofi hordoffii gaggeeffameen kanneen rakkoo faalamaa naannoo qaqqabsiisan keessaa 244 of eeggannoo jalqabaa, akkasumas, 91’f of eeggannoon dhumaa kan kennameef, yommuu ta’u warshaaleen 33 immoo akka sirreeffaman taasifameera.

Misoomni qonnaa bu’uura jiruufi jireenya hawaasa keenyaa ta’uun imaammata guddina dinagdee akka biyyaatti eeggamu galmaan gahuuf gaheen qabu ol’aanaa dha. Hojii qonna gannaa bara oomishaa 2011/12 ilaalchisee lafa hek. Mil. 6.1 facaasuun callaa kuntaala mil. 186.4 argamsiisuuf karoorfamee hojiitti galameen hanga ammaatti lafti hektaara mil.2.7 (45%) ta’u midhaan gosa adda addaatiin kan uwwifame yemmuu ta’u, karoora kana galmaan ga’uuf ammallee ciminaan itti deemamaa jira.

Manneen barnoota 17,016 keessattii baratoota mil. 9.24 barsiisuuf karoorfame keessaa mil. 9.16 (99.2%) carraa barnootaa argatanii kan barachaa jiran yommuu ta’u, kanneen keessaa barattooni mil. 4.1 (%45.4) ta’an dubartoota dha. Hanqina barsiisota manneen barnootaa keessatti mul’atu furuuf qaxarrii barsiisota sadarkaa garaa garaa 12,233 raawwachuuf karoorfamee 11,755 (%96.09) raawwatameera.
Haadholee tajaajila dahumsaa dhaabbilee fayyaa keessatti gargaarsa ogeessota fayyaatiin argachuu qaban keessaa haadholeen kuma 774 (%60) tajaajila akka argatan ta’eera. Dhibeewwan daddarboo kan akka TB, HIVfi busaa ittisuufi to’achuuf hubannoo hawaasaa cimsuudhaan tajaajilli ittisaa fi yaalaa bal’inaan kennamaa jira.

Tajaajila haqaa, si’oominaafi qulqullina qabu akkasumaas bu’a qabeessaa ta’e hawaasaaf kennuudhaan amantaa ummanni keenya sirna haqaafi mootummaa irratti qabu akka dabalu gochuudhaaf qindoomina qaamolee haqaatiin hojiin bal’aan hojjetamaa tureera.

Jijjiirama gurmaa’insaa taasifame bu’uura godhachuudhaan ramaddiin hojjattoota mootummaa naannoo irraa eegalee hanga aanaatti beekumsa, dandeetti, naamusaafi raawwii hojii isaaniitiin akka raawwatamu taasifamee jira.

Galii diinagdeen naannoo keenyaa maddisiisu guddisuun galii idilee qar. Bil. 15.0, galii mana qopheessaa qr. Bil 3.5 waliigalaan qr. Bil 18.5 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa tureen galii idilee bir.bil.15.4 (%102.8)fi galiin mana qopheessaa bir.bil.3.27 (93.1) waliigalaan bir.bil 18.69 (% 101) sassaabuun danda’ameera.

Karoorri bara 2012 bara xumura KGT 2ffaa waan ta’eef, hojiiwwan baroota darban keessatti harca’anii hafan dabaluun, galmoottan gurguddoo misooma biyyaafi naannoo keenyaa milkeessuuf bu’uura ta’an, hojiiwwan gama misooma dinagdee, hawaasummaa, bulchiinsa gaarii, ijaarsa sirna diimokiraasiifi ol’aantummaa seeraa kabachiisuun nageenya naannoo keenya mirkaneessuutiin jalqabaman itti fufsiisuun hojiiwwan ijoo bara itti aanuu ta’a. Bara karoora 2012tti qonna %46.5, industirii %18.5fi tajaajila %35 irraan gahuuf karoorfamee caasaan dinagdee ce’umsaa akka milkaa’uuf kan hojjetamu ta’a.

Hojiin gama du’aatii haadholii fi daa’immanii xiqqeessuuf hojjattame jajjabeessaa ta’us, galma qabame bira gahuuf ammallee hojiin bal’aa ta’e kan hafu waan ta’eef bu’aawwan argaman itti fufsiisuuf carraaqqii cimaan kan taasifamu ta’a.
Bara karoora 2012 keessatti galii idilee bir.bil.17 fi galii keessaa bir.2.98 waliigala bir.bil 19.98 walitti qabuuf karoorfameera.

Bara baajataa 2012’f hojiilee karoforfaman raawwachuuf baajatni waliigalaa naannoo keenyaaf karoorfame bir.70.16 yommuu ta’u, kuniis baasii naannoof bir. Bil 32.23 deegarsaa baasii aanaaleefi bulchiinsa magaalotaaf qar. Bil.37.43fi ittiin eeggannoodhaaf Bir.Mil.500 akka barbaachisuu kan tilmaamame yommuu ta’u, kuniis sadarkaa naannootti baajatni kaappitaalaa bir. Bil.17.29 (%53.6)fi marmaartuun bir.bil 14.93 (% 46.3) ta’a.

Comments are closed.