Sagantaan naannoo qulqulleessuu marsaa 3ffaa mgaalaa Finfinnee naannoo Biirolee Oromiyaatti ganama kana eegalame.

1,603

Sagantaan naannoo qulqulleessuu marsaa 3ffaa mgaalaa Finfinnee naannoo Biirolee Oromiyaatti ganama kana eegalame.

- Advertisement -

Duula kana kan eegalchiiisan Muummee Ministira FDRI Dr. Abiyyi Ajimadiifi Itti aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Ob. Shimallis Abdiisaaati.
Guutuu Magaaloota Oromiyaatti itti fufee jira.
Naannoo Keenya qulqulleessuu Aadaa Haa Godhannu; Oromiyaa Dhaloota Egereef Mijooftuu Taate Haa Ijaarru ! waamicha gaggeessaa keenyaa fudhannee Oromiyaa qulqulluu fi jireenyaaf mijjooftuu taate uumna!
Duudha Oromummaan koosii, yaadaa fi gocha kosii kamuu yaa qulqulleessinuun dhaamsi Oromummaa boru tokkummaan xiiqii itti mullatuudha.
Qa’ee fi naannoo keenya qulqulleessinee magaaloota keenya magaaloota qulqulluu fi jireenyaaf mijjaawoo tahan, yaa uumnu, jaalalaa fi dhiifamaan qulqullummaan wal jaalannee tokkummaan naannoof biyya keenya qulqulleessina.
Hardha guyyaa xiiqiin wal bira dhaabbachuu keenya itti garsiifnuudha
Guyyaa jijjiiramni wareegamaan argame bu’aa ol’aanatti akka cehuuf irra deebinee wa’aadaa itti galluudha.
Guyyaa tokkummaan keenya akka sibiilaa cimee koosiin tokkummaa keenya diiguuf aggaamamu kamuu itti qulqullaawuudha
Guyyaa hariiroon obbolummaa sabaa fi sablammoota hundaa caalatti itti miidagee calaqqisee mullattuudha.

Comments are closed.