Ejjennoo jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fedhiifi faayidaa ummatichaa waliin kabachiisuuf tokkummaan hojjechuu qaban. (Yaa’ii Dhaabbatummaa 9ffaa irratti)

547

Ejjennoo jaarmiyaaleen siyaasaa Oromoo fedhiifi faayidaa ummatichaa waliin kabachiisuuf tokkummaan hojjechuu qaban. (Yaa’ii Dhaabbatummaa 9ffaa irratti)

ABOn, KFOn, ADO, DhDUO fi Paartileen siyaasaa mana maree oromiyaa DhDUO waliin wal tumsuun fedhiin faayidaa ummata Oromoo kabachiisuuf tokkummaan waliin hojjechuuf ejjannoosaanii Yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa DhDUO Magaalaa Jimmaatti geggeeffamaa jirurratti ibsan.
….
ADO–
“Ammaan booda fedhii fi faayidaa Ummata Oromoo eegsisuuf Jarmiyaalee heddu osoo hin taane Jarmiyaa cimaa tokko qofa ijaarrachuu nu barbaachisa” Dr. Diimaa Nagawoo.

- Advertisement -

ABO—
Jijjiirrama argame gufachiisuf kan socho’an Addi Bilisummaa Oromoo dura dhaabbata. ABOn, DhDUO waliin dhimma Oromoo fi Oromiyaarratti tumsaan kan hojjetu ta’uu bakka bu’aan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) obbo Ibsaa Nagawoo beeksisan.

Obbo Ibsaan yaa’ii dhaabbattummaa DhDUO 9ffaarratti argamuudhan ergaa dabarsaniiru. Obbo Ibsaa Nagawoon kan qabsoofne jijjiirrama argamsiisufi; amma jijjiirrama argame kana ni tiksina jedhaniiru. Garaagarteen kamuu nagayaa fi mariidhan akka hiikkamu ni hojjennas jedhan.

Dirree filannoo sirriidhan ummanni kan filate akka tajaajilu ni hojjennas jedhaniiru obbo Ibsaan. ABOn biyya diiguf hin qabsoofne; kaayyoo sanaas hin qabu jedhaniiru. Oromoonis ta’e sabni biroo akka bosonuutti yoo adamsamu ABOn callisee hin ilaalus jedhan obbo Ibsaan.Olaantummaa seeraa ni fudhanna; golgaa olaantummaa seeratiin miidhan Oromoorra ga’u garuu fudhatama hin qabu irratti qabsoofna jedhaniiru.

ABOn, DhDUO waliin wal tumsuun ni hojjeta. Sadarkaa kamittuu qaama jijjiirrama kana fuldura dhaabbatu Addi Bilisummaa Oromoo, DhDUO waliin irratti qabsaa’as jedhaniiru.

KFO–

“Tokkummmaan saba keenyaaf dirqama ta’eera. Diinni keenya walitti nu buusuuf karaa garagaraan hojjechaa jiru. Gocha gara jabeeyyii hojjetamaa jiru balaaleffachuu qabna.
Warra jibbaan nu barbaadan, jaalalaan mo’anna! Daandii kaleessa biyyi keenya irra turterraan jibbiinsaan biyya kana geggeessuu hin qabnu Oromoon. Ummata biroo bakka dhaqu qabee harka keenya jala jiru irratti harka keenya wal hin fuunu.
Yaa’iin kun daandii haaraa nuuf saaqa jennee amanna.
Dargaggoota haaraa warra beekumsaafi dandeetti qaban paartilee jiran keessaa gara fuulduraatti fuduu qabna.
Dargaggonni keenya harka keessan saba biraarratti ol hin kaasinaa. Naannnoo keenyas kan jiraniis ta’ee kan biroo waliin jaalalaan jiraachuu qabna.”
Obbo Baqqalaa Garbaa itti aanaa dura ta’aa KFO

Mana maree Paartilee Siyaasaa Oromiyaa—

“DhDUO abdii uummata Oromoo qofa osoo hin taane abdii ardii Afriikaati.
DhDUO waliin hojjechuun faayidaa uummata keenyaa ni mirkaneessina.
Tokkimmaan waliin hojjenna. Tokkummaan humna. Maanguddoon tokko maaliif tokko hin taane? Jedhanii fakkeenya tokko naaf kaasan. Innis “muka tokko cabsuun hin ulfaatu, kan baayyatee walitti hidhamee tokkoome cabsuun garuu baay’ee namatti ulfaata. jedhan. Kanaaf, tokko tokkoon baanee qofaa dhaabbanee akka hin caccabneef waliin hojjechuu humna waliif ta’uun yeroo kanatti baayee murteessaadha. Yeroo sana kabajaan waan ta’eef!”
Obbo Tolasaa Tasfaayee mana maree paartilee Oromiyaarraa

Comments are closed.