Jiraattota Burraayyuu waliin mariin taassiifame

1,202

Jiraattota Burraayyuu waliin mariin taassiifame

- Advertisement -

Nageenya magaalaa Burraayyuu mirkaneessudhaaf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuu qabu jedhame.

 Kantiiban bulchiinsa magaalaa Burraayyuu obbo Salamoon Fayyeen akka jedhanitti, kaayyon humnoota diinaa yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa magaalaa Jimmaatti geggeefamu gufachiisuu, simannaa hoggansa ABO gara biyyaa galu gufachiisuu, nageenya magaalaa booressuuf kan xiffeeffate ture.

 Humnoonni kun humnaa fi maallaqa guddaa ramadanii naannoo fi magaalaan akka jeeqamu gochuudhan aangoo siyaasaa karaa qaxxaamuraan qabachuuf kaayyeefatanii akka turan kantiibichi ibsaniru. Walitti bu’iinsa sabaa uumuuf carraaqqiin taassiifamu isaas eraniru.

 Haata’uutii hojii qindoominaa caasaa nageenyaa fi jiraattota magaalaa Burraayyuu fi ollaa waliin raawwatameen shirri diigumsaa xaxame fashalaahu isaa obbo Salamoon ibsaniru.

 Jiraattoonni magaalaa Burraayyuus gochi raawwatame kan bakka isaan bu’u akka hintaane ibsaniiru.

 Lammiilee shiira kanaan jiruu isaan irraa buqqa’aniif ummanni magaalaa Burraayyuu deeggarsa taasisaa Jiraa. Manneen jireenyaa miidhaan irratti qaqqabes qeerron ijaaraa akka jirani fi lammiileen buqqa’an manasaanitti deebi’anii jiruu idilee isaani akka fufu dandahan  deeggarsi barbaachisu hunda akka taassifamu qeerroowwan magaalichaa himaniiru.

 

 

Comments are closed.