Ityoophiyaan Imbaasiishee Eertiraatti Bante

Finfinnee, Qaammee 1,2010(FBC)- Eertiraatti imbaasin Ityoophiyaa waggaa 20n booda har’a ifatti banamee hojii eegale.

Imbaasicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqiin ifatti ebbisanii banamuun hojii eegalchiisaniiru.
Imbaasii Ityoophiyaa Aayarlaanditti ambaasaaddara guutuu kan turan obbo Reedwaan Huseen Eertiraatti ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uudhan muudamuun isaanii ni yaadatama.

Eertiraan imbaasiishee Ityoophiyaa Finfinneetti Adoolessa 2010 keessa banuun ishee hin dagatamu.
Imbaasin Eertiraa tajaajila laachuu eegaleera.
fbc