“Bara 2011 injifannoo caalu bara itti gonfannuudha” I/A/MM Obbo Dammaqaa Makonniin

Bara 2011tti injifannoowwan biroo gonfachuuf kan arganne amantaan kunuunfachuu qabna jedhan Itti Aanaan Muummee ministiraa obbo Dammaqaa makonniin.

Barri 2010 seenaa biyya keenyaa keessatti kan addaati jechuun, qabsoo cimaa ummataatin qaanqen jijjiiramaa daangaa hanga daangatti qabsiisun, akkasumas gochoota badaa baroota darban raawwataman dhiifamaan bara bira darbame ta’uu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Miira jijjiiramaa bara kana eegalame bara haarattis akka itti fufuuf hojii gaarii babal’isuun, kan hir’ate guutaa hojii qabatamaan bar itti mul’atuudha jedhaniiru.

Miira haloo keessatti turuun gatii guddaa nu kaffalchisaa turuu hundi keenya kan hubannuudha jechuun,kanaan booda seenarraa barachuu malee seenan burjaja’uun yeroo qisaasessuu hin qabnu jedhaniiru.

Carraa guddina biyya keenyaa of harkaa amma qabnu kunuunsun dhalootaf dabarsuun seenaa hin dagatamnee fi ogummaa bara baraan jiraatudha jedhan.

Barri haaran seenu bara hundi keenya waan haasofnu qabatamaan hojiitti hiiknu, tokkummaan keenya kan itti cimu akka ta’uuf hawwii qaban Itti Aanaan Muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makonniin ibsaniiru.