Deggersa…

Korporeeshiniin misooma paarkii Industirii dhaabbata GIZ waliin ta’uun daa’imman maatii qonnaan bultoota misooma paarkii industirii Adaamaatiif buqqa’an 200’f deggarsa meeshalee barnootaa kenne.
Daarektarri korpoeeshinii misooma paarkiiwan industirii biyyoolessaa aadde Lalisee Namee qaamota deggarsa taasisan hunda galateeffatanii deggarsi kun fuulduraafis cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Masfin Asaffaa qonnaan bultoonni paarkii misoomaatiif ka’an paarkiin industirii kun kan isaanii ta’uu hubachuun boru nama ijoollee barsiifatee carraa hojii itti argatu waan ta’eef deggarsa barbaachisu akka taasisan ibsanii bulchiinsi magaalichaas fayyadamummaa maatii qonnaan bultoota kanneenii mirkaneessuuf deggarsa barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.
Deggarsi taasifames korporeeshiniin misooma paarkii Industirii biyyoolessaafi dhaabbanni GIZ walitti qarshii 200,000 yoo ta’u, warshaan gogaa JICA, Hirooki Addis jedhamu immoo meeshaalee barnootaa adaa’imman 200 ta’aniif kenaniiru.