Manni Maree ADWUI walga’ii idileesaa Fulbaana 4, bara 2011 irraa eegalee ni taa’a.

Waltajjii koree hoji raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI) torbee darbe gaggeeffameen dhimmoota gamaaggamamanii fi ajandaalee mana marichaaf akka dhiyaatan murtaa’an irratti kan mari’atu ta’uu Manni Maree ADWUI ibse jira.

Manni marichaa gabaasa yaa’ii dhaabbattummaa 11ffaa; walakkaa baatii Fulbaanatiin booda gaggeeffamurrattis ni mari’ata. Dabalataan dhimmoota waqtaawaa, dhaabaa fi biyyaarrattis ni mari’ata jedhame eegama.