Ibsa Haala Yeroo irratti Ministirri Muummee Dr Abiyyi OBNif Addaatti Kenan

 Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad Haala Yeroo irratti ibsa kennanin Jijjiirrama biyyattiitti dhufeef abbaan ummata Itiyoophiyaatti jedhan. Abbaan injifannichaa amma ummata ta’etti ammoo jaarmiyaalee alaa gara biyyaa deebi’an maddiitti dhiibudhaan maqsuun barbaachisaa miti jedhaniiru. Jaarmiyaan kamuu alaa yammuu galu ummanni itti siqee simatee baga nagayaan deebite jechuudhan, nagayaan akka qabsaa’u itti himuu qaba jedhaniiru.Bara haaraatti wal jibbiinsa dhiisnee wal jaalalaan ida’amnee biyyaa fi naannoo gaanfa Afrikaa ijaaruu qabnas jedhan.