Qeerroon naamusa guddummaa har’a agarsiise borus dabaluu qaba.

Garaagarummaa yaadaa keessummeessuun ammayyummaadha.Kiyya malee hin ta’uun boodatti hafummaadha. Warri keenya malee hin ta’u jedhan isaaniif qaroominni fagoodha waan ta’eef tuffaannee bira darbuun gaarii ta’a. Nuyiif garaagarummaa keessummeessuun aadaadha.

Kaleessaa fi dheengadda ummanni Oromoo qabsaa’ee aarsaa kaffalaa kan tureef, sirna garaagarumnaan yaadaa itti keessummaa’u, walqixxummaan itti mirkanaa’eefi demokraasiin itti dagaage ijaarudhaafi. Haqa keenya deeffachuudhaaf malee haqa namaa saamuuf takkaa yaannee hin beeknu.

Har’as waan nu ibsa jenne, yaada nu ceesisa jennee itti amanne tarkaanfachiisuun mirga keenya. Hanga mirga namaatti hin buunetti mirga keenya dhandhamachuuf hayyama qaama biraa nu hin barbaachisu. Garuu ammoo mirga keenya kabachiisuuf humni nu hin barbaachisu.

Miira keessa galuun nu hin fayyadu. Kan nu fayyadu diinaaf aaruu osoo hin taane bilchina sirna Gadaa keenyarraa dhaaleen tooftaa siyaasaatiin caallee argamuudha. Kun sodaas miti. Kun bilchina. Amnayyummaadha . Injifannoo keenya tikfachuudha. Egeree keenyaaf bu’uura cimaa uumuudha.

Naamusni Qeerroo keenya biratti har’a mul’ate guddummaa keenya ibseera. Garuu ammoo ttutuqaa fi qaaxxeen ture salphaatti kan ilaalamu miti. Qaaxxee siyaasa Oromoo gufachiisuuti. Shira Oromoof diina baay’isuuti.

Dubbiin kun borus jiraachuu danda’a. Garuu ammoo saba kamiyyuu akka bakka hin buune bilchinaan hubachuun gaarii ta’a. Itti dammaquu barbaada.

Borus obboloowwan keenyaaf simannaa wayita taasifnutti bilchinaa fi naamusa guddummaa har’a mula’te kana irra deebiin agarsiisuun gaarii ta’a.

Keessumaan kabajaa guyyaa borii guyyaa sa’a 5:00tti buufata Xiyyaaraa Boolee nigahu. Sagantaan Addabaabay Masaqalaa ammo guyyaa sa’a 6:00tti eegala jedhamee eegama!

Nagaan Simadhaa, Nagaan Nuf Galaa!!