Waraana ABOtiif naannon Tigraay simannaa ni taasisa.

Waraanni Adda Bilisummaa Oromoo booru ganama Eertiraadhaa Ityoophiyaa; naannoo Tigraay yammuu seenu ni simatama.

Waraanni addichaa kuma 1300 amma 1500 ta’u karaa Zaalaambassaatin gara Ityoophiyaa kan galu ta’uu Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Naannoo Tigraayitti hogganaan ijaarsa dandeettii obbo Waldagabreel Asgadoom himani jiru.

Obbo Waldagabreel akka himanitti, waraanichaaf ummata Addegiraatin simannaan ho’aan taasifamee, affeerran cireetis ni gaggeeffama.

Magaalaa Maqaleetti ammoo waraanichaaf simannaa fi affeerran laaqanaa kan taasifamu ta’a.

Naannon Amaaraas guyyaa itti aanu simaannaa ni taasisaaf. Naannoo Oromiyaa iddoowwan garaagaraattis simannaan taasifamee gara kaampii leenjii akka galantu eegama.

Hoggansi ABO obbo Daawud Ibsaatin duurfamu booru, Fulbaana 5,2011 ganama sa’aa 5:0tti Finfinnee kan galu yammuu ta’u, simannaa isaanitiifis sagantaan addaa magaalaa Finfinnee Addabaaba’ii Masqalaatti qophaa’era.

Fulbaana 7,2011 ammoo mariin jaarmiyaalee siyaasaa, hayyootaa fi bakka buutota hawaasaa hirmaachise Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti ni taa’ama. Maddi: FBC