Jijjiirama eegallerraa humni nu gufachiisuu hin jiru- Mana Maree Nageenya Biyyoolessaa

Manni Maree Nageenya Biyyoolessaa walga’ii har’a Fulbaana 8,2010 gaggeessen haala yeroo biyyattii gamaaggamuudhan ibsa laatera. Gamaaggamichaanis baatiiwwan shanan darbanitti Ityoophiyaatti dirree demokraasii bal’isuudhaf hojii bal’aan hojjetamuu eerera.

Kunis ummata biyyattiitif yeroo kamuu caalaa abdii egeree horuusaa ibseera. Haata’uutii ijaarsi demokraasii olaantummaa seeraa malee hin yaadamu waan ta’eef, jijjiirrama keessa waan jirruuf mootummaan rakkoolee jiran humnaan hiikuf yaalurra gara bal’ummaa muul’isus akka humna dhabuutti lakkaa’amuun yakkoonni raawwatamaa jiran babal’achaa dhufuu kaasera.

Tibbanas Finfinnee fi naannawa isheetti walitti bu’iinsa mudateen lubbuun namaa darbeera. Jeequmsa naannoo Somaaletti yaalamee fashale naannolee kaanitti yaaludhaan, yaa’ii ADWUI Fulbaana dhuma gaggeeffamu fashalsuudhaf yaalamaa jiraachuu manni marichaa ibseera.

Gochaaleen yaalamaa jiranis kaayyoo siyaasaa dhokataa milkeeffachuuf ta’uu eerera. Ummataa fi ummata walitti buusudhaaf, seermaleessummaa babal’isuuf yaalii taasifamaa jiruuf garuu obsa fixanneerra jedheera manni marichaa.

Jijjiirrama cee’umsa gara demokraasitti taasifamu gufachiisunis ta’e laaffisuun akka hin danda’amin ibseera. Mootummaan tarkaanfii seera qabeessa kan fudhatu ta’uun baramee, dargaggeessi gochaalee seeran alaa raawwachuurraa akka of qusatu dhaamera.

Mootummaan nageenya ummataa fi biyyaa eegsisuuf; namni socho’ee akka hojjetu olaantummaa seeraa ni kabachiisa jedheera. Jijjiirrama eegallerraa humni kamuu nu gufachiisuu akka hin dandeenye baramuu qabas jedheera manni marichaa.