Hoggansi buleeyyiin kabaja guddaan geggeeffamaniiru!

Hoggansi buleeyyiin kabaja guddaan geggeeffamaniiru!

Yaa’ii dhaabbattummaa 9ffaa ODP hoggantoota qabsoo dhaaba kanaa hundeessaniifi dhaaba kana asiin ga’uu keessatti haarasaa baay’ee kaffalaniif beekamtiin kennameera.
Bara dukkanaa bara sabaaf quuqamanii falmuu mitii dhimma dhuunfaafuu waa dubbachuu hin dandeenyeefi kunis akka yakkaatti ilaalamanitti saba keenyaaf qabsaa’anii waanjoo garbummaa burkuteessuun akka guyyaa kanaaf geenyu nu taasisan galateeffatamanii beekamtiin kennameeraaf.
Yaa’ii dhaabbatummaa seena qabeessa kanarratti hundeessitoonni dhaaba kanaa kabajaan geggeessaniiru.
Sirna geggeessaa hoggantoota buleeyyii kanarratti dura ta’an paartichaa fi MM Dr. Abiy Ahimad seenaa qabsoo Oromoo keessatti bu’aa ba’ii baay’ee keessa darbuun qabsoon Oromoo akka sadarkaa kanarra ga’u ga’ee guddaa ba’aniiru. Ammas qabsoo fuuldura keenyaa nu eeggatu keessatti akka deggertan gaafachaa, nus hoggantoota haaraan amma dhufneef deggersaafi fakkeenya ta’uun nu geggeessitaniittu jedhan.
Hoggantoonniifi hundeessitoonni geggeeffaman keessaas jaallee Abbaaduulaa Gammaddaa akka jedhanitti bu’aa ba’ii baay’ee keessa dabarree as geenyeerra. Qabsaa’ota baayeetu wareegame. Nus amma humna keenyaa ummata keenya tajaajjilleerra erga jedhanii, ammas adeemsa qabsoo walxaxaa fuuldura jiru kana deggeruuf qophiidha jedhan.
Jaallee Ambaasadar Kumaa Daammaksaas jijjiirama amma dhufe kana miira haaraatiin akka geggeessitan kabajaan gaafachaa ammas waan nurraa eegamu ummata keenyaaf gumaachuuf qophiidha jedhaniiru.
Maqaan hoggantoota buleeyyii kunneenis armaan gaditti eerameera.
1. Jaallee Abbaa Duulaa Gammaadaa
2. Jaallee Geetaachoo Badhanee
3.Jaallee Kumaa Dammaqsaa
4.Jaallee Girmaa Birruu
5. Jaallee Dirribaa Kumaa
6. Jaallee Isheetuu Dassee
7.Jaallee Tafarii Xiyyaaruu
8.Jaallee Ambaasaddar Suliimaan Daddaafoo
9. Jaallee Ambaasaddar Daggifee Bulaa
10. Jaallee shifarraaw Jaarsoo
11. Jaallee Abarraa Hayiluu
12. Jaallee Ittafaa Tolaa
13. Jaallee Daanyaachoo Shifarraa
14. Jaallee Giiftii Abbaa Siyyaa