Dura taa’aa ODP Dooktar Abiy Ahimad haasaa cufiinsa yaa’ii 9ffaarratti taasisan

Ibsa ejjennoo yaa’ii dhaabbatummaa ODP

Finfinnee, Fulbaana 11,2011(FBC)- Ibsa ejjennoo yaa’ii dhaabbatummaa ODP guutuusaa.

Ibsi guutuu paartichaa akkanaan dhiyaatera.

Hirmaattota Yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaan qophaa’e;

Barri isaa fagoodha. yaadannoon isaa ammoo dhiyoodha DhDUO kaleessaa, ODP hardhaa imala waggoota darbanii keessatti daandiin irra darbe kan injifannoon baayyeen itti galmaawan tahullee gufuuwwan isa mudataniis salphaa miti.

Yaa ta’u malee duudhaan dhaloota isaarraa qabee Oromummaan dagaagfataatiifii qajeeltoo jireenya isaa godhachaa dhufe kufanii ka’uuf halaalatti quba qabuun dura quba ofitti qabanii of dhaggeeffatanii ofitti deebi’uun of ceepheessaa of haaroomsaa deemuudha.

Seenaa kufanii ka’uutiif kan akka dubbii hanqaaquu yookiin killee caphaan alaa dhuftu du’a, caphaan keessaa futtaatu lubbuu akka taatee rakkoofii gaaga’ama hamaa hamma Ummanni Qabsoofnuuf duugda nutti gara galuu gahee turee yaadannoo yeroo dhiyooti.

Paartiin keenya Qabsoo keessoo isaatti karaarraa maqnee karatti yaa deebinuu taasiseen bu’aan harra naannoo keenya bira dabree biyyaaf ifuu eegale nu miseensa paartii kanaaf qofaa miti kan biraatiifuu baruumsa guddaa kan laatuufiidha.

Qabsoo Ummata Oromoo shiraaf dabaan moggatti dhiibamaa ture walakkatti fiduun paartii ajandaa namaa baadhatee raawwatu otoo hin tahin ajandaa ofii isaa bocuun sochoowu uumuun danda’amera.

Harra wa’aadaa isaa dhugoomsee maqaan gamatti gochaan jijjiiramee gaachana nuu ta’e.

Imalli siyaasa jibbaa Falaasamna siyaasaa tokkummaa, jaalalaa, dhiifamaafi ida’amuu gaggeessaa paartii keenyaa keessaa dhootee bahuun tarkaanfachiifameen paartii lubbuu qabuufii lammitti lubbuu horee qalbii miliyoonotaa booji’uun tokkummaa biyyaaleessaatiifuu wabii tahuu danda’u ta’era.

Duudhaan sirna Gadaa Sabboonummaa Oromummaa dagaagsinee Itoophiyaawummaa ittiin ijaaramtuufii dimokiraasiin itti dagaagu akka tahe qabatamaan akka mullatu tahe.

Rakkoon kalaeessa nu mudattees taatu tan arra qarqabatti nu galfachuuf nutti aggaamtu kamuu yoo muuxannoo xiiqii injifannoo caaluuf nu qopheessite malee nu hin gufachiiftu, sababiin isaa muuxannoo keenyaatu muuxannoo risaati, dhugaaf haqaaf ilkaan qarree haarawoomnee tokkummaa Oromummaa bu’ursinee, Oromummaatti deebinee Oromummaa kabajchiifnee utubaa biyyaa goone Itoophiyaa itti ijaarra .

Yaa’iin keenya 9ffaan dhaadannoo “Yaada moo’ataa injifannoo caalmaaf” jedhuun gaggeessine kun ciminaaf hanqina,rakkoof fala isaa kaayee,hirmaannaafii fayyadamummaa diinagdee haqa qabeessummaarratti kallattiin taa’e, filannoon hooggansa kutannoo, haqaafii beekkumsarratti hundaawee gaggeeffame, walumaa galatti murtoowwan gurguddoon darban Miseensa keenyatti abdii horee xiiqii toora paartii kootii qabadhee waan hunda irra aanee injifachuu niin danda’a jedhu kan uumeedha .

Yaa’ii keenyaan yaad-rimee ijaarsa sirnaa keessoo dhaabaafi Demokraasii lafa qabsiisuun ummata nu abdate warra abdii guutu taanee quuqqama isaa quuqqamneefii rakkoo isaa furree hamileen jijjiiruuf hojiin heegaree miidhagsuuf xurree nuu banu millachuu danda’era.

Magaaloonni keenya kan dirra ballatanii hiyyeessa buqqisuun boochisan, harka yayyii keessaa arba qoqoree jigsuu barbaaduun kan abbaa cubbuu coomsan otoo hin tahin giddu gala jireenya ammayyaa, gabaafii industirii carraa hojii baballaa uumanii akka tahaniifiis yaa’iin nu warra abbaa qalbii hojiin guddaan nu eeggatuuf hojii manaa qalbii keessa nu kaayee jira.

siyaasa hooggannee fayyaa faayoomsina, rakkoo kamuu furaa karaa dabaafii gadadoo irra aanna yoo jennu garuu hawwii duwwaan otoo hin tahin beekkomsaan tahuu qabaas qalbifannee jirra.

Kanaaf dhimmi jaarsa dandeettii, misooma qabeenya humna namaafii saayinsiifii teeknooloojii dhimma murteessaa boqonnaan qabsoo irra geenye nu gaafatu tahuu otoo hin dagatin heeraaf seeraan wal ammarra, heeraaf seeraan biyya bulchina, heeraaf seeraan haqa keenya falmannee nageenya dhala namaa hundaaf kutannee hoojjanna.

Kanaaf Yaa’ii Paartii keenyaaf yeroo seena-qabeessa ta’eefi akka haaraatti bakka ka’uumsaa godhannee ummata keenya ballaa itti sosochoofnu jannee abdanne kun qabsoo sirrii heegeree keenya murteessan kan itti kaawwanne ta’uu isaa waliigaluudhaan ibsa ijjennoo abbaa qabxii 9 qopheeffanneerra.

Qaphxiiwwan ibsa jijjannoo hirmaattoota Yaa’ii 9ffaa;

1.Kaleessa yoo hooggansi keenya mirga ummata Oromoof eelee dhamaloomterra dhaabbatee falmu dhaabaa dagalee taanee keessoo dhaabaa keenya cimsuu caalaa ilaalchaan makannee gariin keenya yoo xiiqeeffannu, gariin keenya fakkeessaa, gariin keenya ammo busheessaa taanee duudhaa dhaabaafii Ummata keenyaallee gannee turre.

Kana booda Maqaa miseensaan daldaluun,xawalwaallummaafii bakka lama ijjachuun ODP keessatti iddoo hin qabaatuu obsaaniis bira hin darbamu.

Kanaaf nu hirmaattoonni yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa ODP hanqina siyaasaa keenya beekkomsaan guuttachaa keessoo dhaaba keenyaa qulqulleessuufii cimsuuf wa’aadaa ni seenna.

2.Akka dhala Oromootti wal-cimsinee sabboonummaa Oromummaa dagaagsuun wal ijaaruu caalaa karaa walitti cufuuniifii waljibbinee deemsi deemne walitti nu hammeesse malee walitti nu hin finne, dirree walitti dhiphisne malee yaadaan wal hin moo’anne, kan nu ajjeesuuf dabarsinee wal kannine malee akka ilmaan abbaa gadaa taanetti dahoo walii hin taane.

Kana booda garuu maqaa Oromoon daldalaa Oromoo waliin ficisiisuufii gidiraaf saaxiluun akka hin danda’amnees ifatti labsame jira.

Kanaaf, nuti hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa aadaa siyaasaa dulloomaa kana guutumaan guututti keessa keenyaa gatuun, aadaa siyaasaa ammayyaa’aa wal-dhaggeeffachuu, yaada moo’ataa maddisiisuu fi mariif dhiyeessuun karaa tokkummaan Oromoo itti cimuu danda’urratti xiyyeeffannaa guddaadhaan hoojjechuuf wa’aadaa ni galla.

3.Fayyadamummaan diinagdee ummata keenyaa keessattuu dargaggootaafii dubartootaa guddatee qabeenya uumamaa keenya hunda diinagdetti jijjiirrree biyya lammiin karaa sirriifii seeraa qofaan qabeenya itti horatee hiyyummaa itti moohatu uumuuf injifannoo gama siyaasaan gonfanne diinagdeeniis dabluuf nu hirmaattoonni yaa’ii dhaabbatummaa 9ffaa kallattii toora dhaabni keenya kaa’urra fullaanee faayiddaa diinagdee ummata keenyaa mirkaneessuun warraaqsa diinagdee finiinsuuf kutannoodhaan hoojjachuuf irra deebinee wa’aadaa ni galla!!!!

4. ODP akkuma kaleessa mirgaafii walqixxummaa sabaafii sablammoota biyyattiif aarsaa kafale harraas saba ballaa Oromoofii sabaaf sablammoota biyyattii waliin tahee gochoota toora paartiirraa maqan saaxilaa,irrattiis qabsaawaa biyyi akka biyyaatti akka itti fuftu halkanii guyyaa hoojjechaa jira.

Ummanni Oromoos aadaan hammachuu,jaalalaan moohachuu, wajji jireenyaafii wal danda’uu sabaafii sablammoota akkanumaas ummattoota biraatii waliin qabu cimsatee akka itti fufu nu hirmaattoonni yaa’ichaa Kabajniifii wajji jireenyi Obbolummaa Duudhaa hundee ummanni Oromoo ummatoota biyyattii waliin qabufii biyya ijaaruu keessatti ga’ee qabu akkuma kaleessaa cimsee akka itti fufuu qabu yeroo kamiyyuu caalaa kutannoo cimaadhaan ni hoojjanna!!!!

5.Siyaasni keenya kan galma ga’u, hoomishnee calleeffannee rakkoon bulchiinsa gaariis furamuu kan danda’u olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi yoo mirkanaawe qofa.

Daldaltoonni siyaasaa karaa adda addaan abdiin harra mullate isaan miidhuufi gufachiisuu barbaadan kana booda sakandii tokkoofuu akka hin obsineefii tolaaniis tahe humnaan adaba qabsiisuu akka danda’u ijjannoo cimaa paartiin keenyaafii mootummaan paartii keenyaan hoogganamu fudhachaa jiru nu hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa dinqisiifannaa olaanaadhaan ilaalla.

Kanaaf karaa badii nageenya keenya booreessu kamuu hadheeffannee irratti qabsaawaa olaantummaa seeraa mirkaneessuuf kutannoo cimaadhaan ni hoojjenna.

6.Sirni demokraasii hirmaannaa ummataa hin mirkaneessine fulla’iinsa qabaachuu hin danda’u. Muxxannoo waggoottan imala haaromsaa dabarsine irraa argannees yoo ijaaf gurra ummata itti ilaallee dhaggeeffannee hirmaachisu qabaanne wanni dadhabnu kamuu akka hin jirre baruumsa guddaa kan nuuf laateedha.

Waan ta’eefis, waan hoojjennu kamirrattuu abbaa hoojjennuuf ummata keenya maaliif akka hoojjennuufii yoom akka hoojjennu iftoomina uumnee, ummata keenya hirmaachisaafii fayyadamummaa isaa mirkaneessaa deemuuf wa’aadaa ni galla!

8.Adeemsa kana duraan hojii seenaaf tahu hoojjanne otoo of harkaa qabnuu dhibeen siyaasaa fayyaa nu dhoorkaa wal afaan nu deebisaa wal- nu nyaachisaa qoqoraaf karra bantee qa’ee nu onsaa turte ijoon takka hanna karaa adda addaan raawwatamuudha.

Waan itti hin dafqine nyaachuun haraam, faayiddaaf haqa dabsuun,tajaajila irrisuufii sobuun duudhaa Oromummaatii miti.

Hattuun saba hin qabdu, faradduun amantaa hin qabdu, dabsituun haqaa gosa hin qabdu, xawalwaalleefii waliin dhooftuun kabaja hin qabdu, kanaaf nu warra saba guddaa kanarraa dhalatee saba guddaa kanaaf hoojjechuuf haarawoomneef hannaaf malaammaltummaan kana booda paartii keenya keessatti iddoo waan hin qabaanneef ofii irraa qulqulloofnee dhaloota gocha hamaa kana balaaleeffatu horachuuf wa’aada ni galla.

9. Kana booda hamma ida’amnee jaalalaan moo’annee caallee argamnetti, daandii keenya Oromummaa,Oromoon Oromiyaafii biyya itti jaarrurraa wanti of booda nu deebisu hin jiraatu

Yaa’ii keenya Boqonnaa qabsoo haaraa irra geenyeeniifii hojii guddaa injifannoo caalmaaf hoojjennuun Oromummaa Quxusuun hangafa kabajuu nu barsiiseen hangafoota keenya kabajaafii galataan gaggeeffannee hooggansa haaraa jijjiirama kana itti fufsiisuu danda’an beekkomsaafii iftoominaan filannee jirra.

Kanaaf nuti hirmaattoonni yaa’ii 9ffaa hooggansi haaraan Mootumnmaafii dhaaba cimaa ijaaru jannee filanne Qajeelfama kaayyoo dhaabaafii faayiddaa ummata keenyaa kabajchiisuuf nuuf dabarsan kamuu amantaa guutuun fudhannee hojiirra oolchuuf qophaawummaa cimaa kan qabnu tahuu keenya irra deebinee ni mirkaneessina.

Injifannoon Ummata Oromoo tiif!

Kabajaafii Ulfinni Bara Baraa Jaallewwan Qabsoo Kanaaf wareegamaniif!
Fuulbana 11 Bara 2011
Jimma