Minstirri muummee Dr Abiy Ahimad baga ayyaana Masqalaaf geessan jedhan

Ministirri muummee Dr. Abiy Ahimad hordoftoota amantaa Kiristaana Ortodoksii baga ittiin isin ga’e jedhan.

Dr. Abiy ayyaana Masqalaa ilaalchisuudhan ibsa miidiyooleef erganiin akka beeksisanitti, ayyaanni Masqalaa kan kabajamu hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ta’ulle, kabajaa fi abbummaan isaa kan ummata Ityoophiyaati mara jedhan.

Akkuma fannoon Kiristoos inni awwaalame barbaachan argame, dhugaanis kan hin dhokanne ta’uu ayyaanicharraa ni baranna jedhaniiru.

Har’a yeroo kamiyyu caalaa dhugaadhaf yeroo itti dhaabbannu jedhanii, maqa balleessaa, olola, ragaalee dogongoraa yeroodhaf gufuu ta’an bira tarree akka seenaa fannoo Iyyasuus dhugaa keenya baasnee ni agarsiisna jedhan.

Damaraan mukeen guuramaniin guutuu akkuma ta’u, nutis ida’amneen walirraa bareenna jedhan. Kopha kophaa ni kufna; ida’amnee garuu jaboo taana jedhaniiru.

Nuti Ityoophiyaanonni rakkoolee maraa agarreerraa; kan jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy amma ammoo ida’amnee waltumsuudhan biyya yaa ijaarrun dhaaman.

Akka Damaraa ida’amnee walutubuudhan, ifaan Damaraa dukkana akkuma saaqu nutis rakkoolee biyya keenyaa hiikudhaaf waliin yaa dhaabbannu jedhaniiru.