Irreechi Malkaa Ateetee, Malkaa Sabbataa fi Caffee Tumaa booru kabajamu

Irreechi Malkaa Ateetee, Malkaa Sabbataa fi Caffee Tumaa booru kabajamu

Oct 6, 2018

Ayyaanni Irreecha Malkaa Ateetee, Malkaa Sabbataa fi Caffee Tumaa booru; Fulbaana 27,2011 kabajamu.

 

Ayyaanni Malkaa Ateetee bulchiinsa magaalaa Burraayyutti, Irreechi Malkaa Sabbataa bulchiinsa magaalaa Sabbataatti, ayyaanni Irreecha Caffee Tumaa ammoo bulchiinsa magaalaa Galaanitti bifa hoo’aa ta’een kabajamanii kan oolan ta’uu waajjiraaleen koominikeeshinii magaalota sadanii ibsaniiru.

 

Magaalota sadanittuu bifa miidhagaa fi naga qabeessa ta’een kabajuudhaf qophii ga’aan taasifameera.